Tamsaasa Kallatti:

Guyyaa lammaffaa Yaa'ii BRICS 18ffaa

Yaa’iin BRICS 18ffaa Fulbaana 2, 2019 eegalerratti ministirri muummee Abiyyiy Ahimad (PhD) fi jilli isaanii irratti hirmaachuun kan yaadatamudha.

Yaa’ichi guyyaa lammaffaa Fulbaana 3, 2019, mata duree “Ijaarsa dandamachuu, kalaqa, tumsaa fi itti fufiinsa” jedhuun gaggeeffameera. Walgahii kanarratti hoggantoonni biyyoota miseensa BRICS fi michuu, akkasumas hoggantoonni dhaabbilee idil-addunyaa adda addaa hirmaataniiru. Walgahiin kun ibsa waloo qabxii 140 (Labsii Niiw Deelii) baasuun xumurameera.

Labsiin BRICS ‘New Delhi’ kun haaromsa bulchiinsa idil-addunyaa, nageenya idil-addunyaa fi naannoo, guddina dinagdee itti fufiinsa qabuu fi hariiroo ummataa dabalatee dhimmoota ijoo irratti ejjennoo waloo biyyoonni miseensa ta’an yaada kan dhiyeessan ta’uu ibsameera.

Itiyoophiyaan Dhaabbata Daldala Addunyaatti makamuuf carraaqqii taasiftu gamtaan kun deeggarsa cimaa kan taasisu ta’uu ibsuun, akkasumas Itiyoophiyaan Mana Maree Dhaabbata Siiviil Aviyeeshinii Idil-addunyaa keessatti teessoo dabalataa argachuuf carraaqqii taasiftu kan deeggaru ta’uu ibsameera.

Itiyoophiyaan jalqabbii biyyattiin fi qophii konfiraansii jijjiirama qilleensaa ‘COP32’f taasiftu deeggarsa qaban irra deebi’anii mirkaneessaniiru. Gamtaan kun yaa’ii BRICS 19ffaa Chaayinaan akka keessummeessuus waliin raggaasiseera.

Walgahii Hooggantootaa cinaatti Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) hoggantoota biyyoota miseensaa fi michuu ta’an waliin tumsa biyyoota lamaanii irratti marii bu’a qabeessa taasisaniiru. Walta’iinsa daldalaa fi invastimantii, tumsa ittisaa fi dijitaalaayizeeshinii irratti gadi fageenyaan kan mari’atan ta’uu ibsameera.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad hooggantoota biyyoota miseensa ‘BRICS’ adda addaa fi michuu ta’an waliin irbaata erga qooddatanii booda; walgahii BRICS guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture xumuranii gara biyyaatti deebi’aniiru.

#PMOEthiopia

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015