Tamsaasa Kallatti:

Godina Jimmaatti hojii misoomaa fi kunuunsa Bunaa hojjechuun qonnaan bultoonni fayyadamoo ta’aniiru

Fulbaana 4/2019 (ENA): Godina Jimmaatti hojii misooma bunaa qindaa'aa fi kunuunsa qulqullinaa bal'inaan hojiirra oolchuun oomishicharraa fayyadamaa ta'uu qonnaan bultoonni ibsan.

Godina Jimmaatti kanaan dura oomishni bunaa walitti qabamu hanqina qulqullinaa fi erga walitti qabamee booda sababa rakkoo qabinsaan qonnaan bulaan sadarkaa barbaadamuun fayyadamaa otoo hin taasisiin tureera.

Rakkoo kana furuufis hoggantoonnii fi ogeessotni godinichaa qindoomina uumameen waggoota muraasa darbanitti hojiin misooma bunaa qindaa'aa fi fooyya'insi qulqullinaa qophaa'ee hojiitti galameera.

Qonnaan bultoonni misoomicharratti hirmaatanii fi fayyadamoo ta'an akka jedhanitti, sirni oomisha bunaa qulqullina isaa eeggate kallattiidhaan gabaaf dhiyeessan diriirsuun, walitti hidhaminsa gabaa kallattii irraa galii argameen fayyadamuu fi haalli jireenya isaanii akka fooyya'u taasiseera.

Godinichatti Aanaa Gommaatti Qonnaan Bulaa Musxafaa Abbaa Qannoo carraa gabaa kallattii mootummaan mijeesseen gidduu-seentummaa faddaaltotaa malee buna qulqullinaa fi bal'inaan qopheessanii gabaaf dhiyeessuu danda'aniiru.

Haala mijataa uumameefiin bunasaanii kallattiin gabaa alatti dhiyeessaa akka jiran eeruun, hojii teekinoloojiin deeggaramee fi qulqullinaan raawwatameen hektaara tokko irraa hanga kuntaala 10 argachaa jiraachuu ibsaniiru.

Hoj-maanni kun galii isaanii fooyyessuu bira darbee sharafa alaa argamsiisuun qooda isaanii akka bahan isaan dandeessiseera.

Qonnaan Bulaa Zaakir Abbaafiixaa Waggoota darbanitti mala baratame keessaa bahuun buna kilaastaraan qulqullinaan oomishuu eegaluu isaanii ibsaniiru.

Qonnaan Bulaa dargaggoo Bulii Abbaa Maccaa akka jedhetti Buna qulqullinaan oomishuu fi gabaaf dhiyeessaa jiraachuu ibseera.

Bara oomisha bunaa darabetti buna qulqullina qabu kiiloogiraama kuma 20 ol gabaaf dhiyeessuu fi faayidaan kana irraa argamu hirmaannaa dinagdee dargaggootaa akka cimsu ibseera.


Qonnaan Bulaa Eeliyaas Abbaasaadii Biqiltuu bunaa kanaan dura oomishan malees, sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuun bunaa sanyii filatamaa dhaaban oomisha kennuu eegaluu isaanii dubbataniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Jimmaa Obbo Tijaanii Tamaam akka ibsanitti Waggoottan torban darban keessatti hammi misooma bunaa godinichaa hektaara kuma 330 irraa gara hektara kuma 700ti guddachuu ibsaniiru.


Uwwisni misooma bunaa sadarkaa olaanaatiin dabaluunsaan oomishtummaa fi sadarkaa qulqullinaa dabaluu bira darbee dandeettii galii qonnaan bulaa guddiseera.

Bara xumurame keessa omisha bunaa tonii kuma 341 sassaabame keessaa toniin kuma 94 gabaa Idil-Addunyaatiif kan dhiyaate yoo ta'u, kunis biyyaaf sharafa alaa argamsiisuu bira darbee qonnaan bulaa hanga abbaa investimantii ta'uutti dandeettii uumeera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015