Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi Dhiyeessii Humnaa Dachaan Dabaluun Walitti Hidhamiinsa Dinagdee fi Humnaa Naannichaa Cimsaa Jira - ENA Afaan Oromoo
Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi Dhiyeessii Humnaa Dachaan Dabaluun Walitti Hidhamiinsa Dinagdee fi Humnaa Naannichaa Cimsaa Jira
Fulbaana 4/2019 (ENA) : Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi Dhiyeessii Humnaa Dachaan Dabaluun Walitti Hidhamiinsa Dinagdee fi Humnaa Naannichaa Cimsaa akka jiru Hojii raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbata Humna Elektirikii Itoophiyaa, Injiinar Ashabbir Baalchaa beeksisan.
Hojii raawwachiisaa Olaanaan kun ENA'f akka ibsanitti, Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi cichoominaa, tokkummaa fi kutannoo Itoophiyaanotaa qabatamaan kan mul’ise, “Adwaa Lammaffaa” ta’uu dubbataniiru.
Ijaarsi hidha kanaa, Itoophiyaan dandeettii ofii isheetiin milkaa’ina olaanaa galmeessuu akka dandeessu addunyaaf kan mirkaneesse, akkasumas boqonnaa haaraa seenaa biyyattii keessatti kan bane pirojektii guddaa ta’uu ibsaniiru.
Hidhi kun erga eebbifamee guutummaatti hojii keessa galee as, dandeettii maddisiisuu humna elektirikii biyyattii dachaan ol guddisuu bira darbee, galii sharafa alaa Itoophiyaan damee kana irraa argattu haalaan akka dabalu taasiseera jedhaniiru.
Dhaabbatichi bara bajataa 2018 keessatti galii olaanaa biyya keessaa argateen alatti, doolaara Ameerikaa biliyoona walakkaa ol sharafa alaa argachuu eeranii, milkaa’ina seena qabeessa kana keessatti gaheen Hidha Haaromsaa Guddichaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Kana malees, Humni Elektirikii Itoophiyaa yeroo jalqabaatiif seenaa isaa keessatti liqii irraa bilisa ba’ee gara bu’aa argamsiisuutti akka ce’uuf hidhi kun gumaacha olaanaa taasiseera jedhaniiru.
Hojii raawwachiisaa Olaanaan kun Itoophiyaan biyyoota ollaa isheetiif gatii madaalawaan humna elektirikii dhiyeessaa jiraachuu eeranii, hojiitti seenuun Hidha Haaromsaa Guddichaa waliiti hidhiminsaa dinagdee fi hawaasummaa naannichaa cimsuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu dubbataniiru.
Yeroo ammaa Itoophiyaan Keeniyaa, Jibuutii, Sudaan fi gartokkoon Taanzaaniyaaf humna elektirikii dhiyeessaa jiraachuu kan eeran Injiinar Ashabbir, humna waliigalaa biyyoota kanneenitti ergamu keessaa dhibbeentaa 52 kan ta’u Hidha Haaromsaa Guddichaa irraa kan maddudha jedhaniiru.
Hidhi Haaromsaa Guddichis dhiyeessii humnaa dachaan guddisuun fayyadama biyya keessaa qofaaf osoo hin taane, biyyoota ollaa keessattis dhiyeessii humna elektirikii bal’aa akka argamsiisu taasisaa jiraachuu beeksisaniiru.