Hojiin Buusaa Gonofaa rakkoo hawaas -dinagdee furuun duudhaa wal gargaarsaa dagaagsaa jira - ENA Afaan Oromoo
Hojiin Buusaa Gonofaa rakkoo hawaas -dinagdee furuun duudhaa wal gargaarsaa dagaagsaa jira
Fulbaana 4/2019 (ENA): Magaalaa Shaggaritti hojiin Buusaa Gonofaa rakkoo hawaas -dinagdee furuun duudhaa wal gargaarsaa dagaagsaa jiraachuu itti gaafatamtuun Buusaa Gonofaa Magaalaa Shaggar Aadde Warqineesh Miidhagsaa ibsan.
Erga Magaalli Shaggar hundaa’ee hojiin Buusaa Gonofaa bal’inaan hawaasa magaalaa keessatti hojjetamaa turuusaa Aadde Warqineesh ibsaniiru.
Buusaa Gonofaan Labsii fi dambii ittiin hundaa’e ka’umsa godhachuun bu’uura hawaasaa akkaa qabaatuuf hojiin hubannaa uumuun miseensa horachuun hojjetamuu ibsaniiru.
Haaluma kanaan akka magaalaa Shaggaritti waggoottan Afran darab miseensa Buusaa Gonofaa miliyoona 1 fi kuma 300 horachuusaanii ibsaniiru.
Magaalichatti Miseensonni Buusaa Gonofaa buusii isaan irraa eegamuu fi gumaataa taasisaa turuusaanii Aadde Warqineesh ibsaniiru.
Miseensonni kunneen yeroo balaan uumamaa fi namtolchee uumamutti gaheesaanii adda durummaan bahachaa turuusaanii ibsaniiru.
Bara kanas karoora of danda’uu milkeessuuf miseensa horachuu fi buusii miseensaa miiliyoona 150 irraa walitti qabuu fi gumaata miiliyoona 190 walitti qabuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas bara kana midhaan yeroo balaan uumamaa fi nam-tolchee mudatuuf midhaan man kuusaatti bara kana walitti qabuuf karooftatanii hojiitti seenuu ibsaniiru.
Kanaanis qindoominni koreeqindeessituu olaanaa fi hoggansa sadarkaa sadarkaan jiruu olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Hoggansi dhimma buusaa gonofaa ajandaa godhachuun qindoomina hawasa waliin hojjechuun waloomaan kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.