Seenaa yaadachuurraa gara Seenaa hojjechuutti: warraaqsa Ijaarsa Meeggaa Pirojektoota dhaloota haaraa - ENA Afaan Oromoo
Seenaa yaadachuurraa gara Seenaa hojjechuutti: warraaqsa Ijaarsa Meeggaa Pirojektoota dhaloota haaraa
Injifannoon bilisummaa uummata tokkoo, galmee seenaa guyyaa injifannoo sana booda himamu qofa irratti hin xumuramu.
Injifannoo dhugaa jechuun seenaa darbe yaadachuu qofa osoo hin taane, fuula kitaaba seenaa haaraa irratti injifannoo haaraa galmeessuudha.
Uummanni seenaa isaa keessatti injifannoo haaraa yeroo galmeessu, hiikaa fi guutummaa injifannoo duraanii caalaatti jabeessa. Kanaaf, dhaloonni haaraan seenaa darbe yaadachuu irraa gara seenaa har’aa hojjechuutti ce’uun, bu’aa hojii isaa dhaloota dhufuuf seenaa dhaalchisuu qaba.
Adwaan, gootummaa fi jabina abbootii keenyaa kan calaqqisiisu, mallattoo injifannoo fi bilisummaa biyyaalessaa Itoophiyaati.
Injifannoon Adwaa uummata gurraacha addunyaa cunqurfamaa ta’eef kutannoo fi ifa barii bilisummaa mul’isuun, dhaloota har’aatiif immoo kutaannoo “ni danda’ama” jedhu dhaalchiisera.
Dhaloonni har’aa gootummaa fi cichoomina abbootii isaa irraa dhaale, fuula seenaa biraa irratti, gaara Guubaa jalatti laga Abbayyaa waggoota dheeraaf hojii malee yaa’a ture irratti Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa ijaaruudhaan seenaa mataa isaa barreesseera.
Gaafa guyyaa Qaammee 4, bara 2017 guyyaa eebbi Hidha Haaromsaa itti labsame qofa osoo hin taane, guyyaa seenaa dachaa ta’ee galmaa’eera; sababni isaas, guyyaa sanatti pirojektoonni misoomaa gurguddoon, kanneen Itoophiyaa akka fakkeenya badhaadhina Afrikaatti mul’isan, itti labsamani dha.
Itoophiyaan, kutaannoo “ni danda’ama” jedhu hidha Haaromsarraa argatten, dameewwan humnaa, qonnaa, aviyeeshinii, gaazii, albuudaa fi dameewwan biroo keessatti gara ijaarsa pirojektoota misoomaa gurguddootti ce’aa jirti.
Labsiiwwaan Gaara Guubaa irraa dhaga’aman kun milkaa’ina pirojektii tokkoo ykn damee tokkoo qofa osoo hin taane, Itoophiyaan qabeenya ishee dandeettii mataa isheetiin misoomsuudhaan imala badhaadhinaa ishee babal’isuuf taasiftu mallattoo ta'e dha.
Mul’anni mootummaa Ida’amuu Itoophiyaa akka fakkeenya badhaadhina Afrikaatti, ilmaan isheetiin ijaaruuf qabu, Injifannoo Adwaa irraa, injifannoo misoomaa hidha Haaromsaa irraa, akkasumas labsiiwwaan Gaara Guubaa irraa fudhachuun, seenaa yaadachuu irraa gara seenaa haaraa barreessuutti ce’eera.
Kunis Hidhi Haaromsaa boqonnaa seenaa tokko keessatti qofa galmaa’ee kan hafu, mallattoo dhalootaa qofa osoo hin taane, dhaloota itti aanuuf dandeettii raawwachiisuu fi kutannoo “ni danda’ama” jedhu dabarsu dhaala ta’uu isaa agarsiisa.
Eebbi pirojektii biyyaalessaa guddaa tokkoo, dhalachuu pirojektoota meeggaa biroo labsuudhaan, Itoophiyaan boqonnaa haaraa milkaa’inaa keessatti tarkaanfachaa akka jirtu agarsiisa.
Labsiiwwaan Gaara Guubaa irraa dhaga’aman kun buufata humna niwukilarii, warshaalee gaazii, zayitii qulqulleessuu fi xaa’oo, Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu, akkasumas mana jireenyaa miliyoona 1.5 ijaaruuf karoorfaman fakkeenya isaanii keessaa muraasa.
Pirojektoonni gurguddoon labsiiwwaan Gaara Guubaa irraa labsaman, humna qonnaa waliin, industirii aviyeeshinii waliin walitti hidhuudhaan, boqonnaa itti aanu imala misoomaa kanaa barreessuu jalqabaniiru.
Kunis Itoophiyaan biyya pirojektoota meeggaa abjoottu qofa osoo hin taane, dandeettii isaan raawwachuuf qabdu kan agarsiisu boqonnaa haaraa misoomaati.
Mootummaan Ida’amuu erga hundaa’ee as, guddina dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa keessatti galmeessuun isaa, biyya rakkoo caasaa keessa turte irraa gara haaromsaatti ceesisuuf bu’aa guddaa fideera.
Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad, guyyaa seenaa qabeessaa Qaammee 4, bara 2017 irratti akka jedhanitti, kutannoo fi abdii hidha Haaromsaan argame, pirojektoota Itoophiyaa egereefi ifa ta’e labsuuf karaa baneera.
Kana malees, waggoota muraasa keessatti warshaa niwukilarii kaayyoo isaa nagaaf tajaajilu, warshaalee gaazii, zayitii qulqulleessuu fi xaa’oo, akkasumas mana jireenyaa miliyoona 1.5 ijaaruuf karoorfamee jiraachuu isaanii yaadachuun ni danda’ama.
Karoorri misoomaa gurguddoon kun pirojektoota lakkoofsaan qofa kan ibsamuu danda’an miti. Qabeenya uumamaa Itoophiyaa dandeettii raawwachiisuu mataa ishee waliin walitti hidhuudhaan, abdii biyyaalessaa boruu kan agarsiisan kallattiiwwan misoomaati.
Mul’anni mootummaa Ida’amuu pirojektoota misoomaa biyyaalessaa gurguddoo kanaan boqonnaa haaromsa waliigalaa Itoophiyaa labsuun, bu’aawwan badhaadhina biyya tokko bocan akka argaman taasisaa jira.
Kanneen keessaa pirojektiin Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu isa tokko.
Pirojektichi yeroo xumuramutti, dorgommii Itoophiyaa damee aviyeeshinii keessatti sadarkaa Afrikaa fi addunyaatti qabdu guddisuun, dameewwan dinagdee, turizimii fi dippilomaasii keessatti carraawwan haaraa kan banu bu’uuraalee misoomaa murteessaa ta’edha.
Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad, yeroo ijaarsi pirojektichaa jalqabsiifametti akka jedhanitti, Buufatni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu yeroo xumuramu dorgommii Itoophiyaan damee aviyeeshinii idil-addunyaa keessatti qabu ni guddisа.
Akka mul’ata kanaatti, Pirojektiin Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu pirojektii aviyeeshinii qofa miti. Itoophiyaan Afrikaa keessatti hoggansa damee aviyeeshinii qabdu caalaatti olkaasuudhaan, fayyadamummaa waliigalaa kan cimsu invastimantii tarsiimawaa ta’edha.
Bal’inni fi ammayyummaan Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu Itoophiyaa giddugala aviyeeshinii, turizimii fi dippilomaasii taasisuuf dandeettii guddaa qaba jedhan, Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa, Masfin Xaasoo.
Kunis aadaa pirojektoota gurguddoo biyya tokko raawwachuu, kan Hidha Haaromsaa irraa eegale, damee humnaa irraa gara aviyeeshinii fi dameewwan misoomaa tarsiimawaa biroo babal’achaa jiraachuu agarsiisa.