Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Yaa’ii BRICS 18ffaa irratti haasawa taasisaniin qabxiilee ijoo kaasan keessaa:

✍️ Yuunivarsiitiin Hubannoo Namtolchee Ida’amuu Afrikaan egeree teeknooloojii ammayyaa abbummaadhaan akka hoggantuuf gahee guddaa qaba.

✍️ Biyyoonni rakkooleen osoo hin uumamin dura dandamachuu akka danda’aanif dandeettii fi sirna isaanii cimsachuu qabu. Haaluma kanaan, Itoophiyaanis sirnoota qormaata dandamachuu ishee dandeessisan ijaaruu irratti argamti.


Mootummaan wabii midhaanii nyaataa irratti hojii hojjechaa jiruun, Itoophiyaan qamadii alaa galfamu irratti hirkannaa guutummaatti keessaa baatee of danda’uu dandeesseetti.

✍️ Itoophiyaan gabaa BRICS ‘Grain Exchange’ hojiirra ooluuf karoorfame keessatti oomishtuu fi dhiyeessituu taatee hirmaachuuf qophii dha.

✍️ Itoophiyaan rakkoolee damee fayyaa keessatti uumaman dandamachuuf dandeettii oomishaa biyya keessaa cimsachaa jirti. Kana malees, warshaalee qorichaa fi oomishaalee farmaasitikaalaa babal’isaa jirti.

✍️ Damee teeknooloojii keessatti bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa, Waraqaa eenyumeessaa dijitaalaa, sirnoota kaffaltii fi sirna waljijjiirraa odeeffannoo bal’inaan ijaaramaa jiru.

✍️ Odeeffannoon nageenyi isaa eeggamee, seeraan akka itti fayyadamu taasisamaa jira. Hubannoo Nam-tolchee jijjiirama kana daran ni jajjabeessa.

✍️ Hubannoo Nam-tolchee dhaloota itti aanu keessatti caalaatti namoota tajaajiluu, afaanota hedduu hubachuu fi beekumsa bal’aa ilma namaa hammachuu qaba.

✍️ Afrikaan egeree Hubannoo Nam-tolchee abbummaadhaan hogganuuf qorannoo, dandeettii kompiitaraa, ogummaa fi dhaabbilee barbaachisoo ta’an qabaachuu qabdi.

✍️ Itoophiyaan dandeettii teeknooloojii Afrikaa bakka bu’u ijaaruuf dhaabbilee BRICS waliin ta’uun hojjechuuf fedhii qabdi.

✍️ Afrikaan qabeenya albuudaa hedduu kan qabdu yoo taatu, biyyoonni miseensa BRICS immoo kaappitaala, teeknooloojii fi filannoowwan gabaa qabu.

✍️ Itoophiyaan qabeenya albuudaa, anniisaa haaromfamuu danda’uufi dandeettii industirii ishee guddachaa jiru irratti hundaa’uun tumsa uumuu fi hariiroo waliin hojjechuu uumuuf qophii dha.

✍️ Humni elektirikaa Itoophiyaan biyyoota ollaa isheef dhiyeessaa jirtu dinagdee biyyoota kanneenii keessatti gahee olaanaa gumaachaa jira.

✍️ Dhaabbilee faayinaansii idil-addunyaa keessatti bakka bu’ummaan biyyoonni qaban haqa qabeessa ta’uu qaba; bakka bu’ummaan kunis bu’aa qabatamaa fiduu

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015