Tamsaasa Kallatti:

Hariiroon dippiloomaasii Itoophiyaa fi Israa'el guddina Daldalaa fi Investimantiif haala mijataa Uumeera – Ambaasaaddara Dr. Abiraam Nugusee

Fulbaana 4/2019 (ENA): Hariiroon dippiloomaasii cimaan Itoophiyaa fi Israa'el gidduu jiru tumsa daldalaa fi investimantii guddisuuf haala mijataa uumuu isaa Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Israa'el Dr. Abiraam Nugusee beeksisan.

Ambaasaaddar Dr. Abiraam Nugusee ENA’f akka ibsanitti, hariiroon Itoophiyaa fi Israa'el seenaa fi tumsa dippiloomaasii ammayyaa walitti makuun damee hundaan guddachaa dhufeera.

Yeroo ammas mootummaa fi mootummaa, damee dhuunfaa daldalaa fi investimantii, akkasumas tumsa dhaabbilee misoosaa miti-mootummaatiin damee hundaan tumsi bu'aa qabeessi uumamuu ibsaniiru.

Kunis hariiroo ummataa fi ummata biyyoota lamaanii cimsuun, damee tumsa dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa bal'isuudhaan carraa faayidaa waliinii fidu uumuu isaa dubbataniiru.

Daawwannaan hojii hoggantoota mootummaa olaanaa Itoophiyaa fi Israa’el walta'insa faayidaa waliinii kan cimsu ta'uu isaas eeraniiru.

Dhaabbileen tola ooltotaa Israa'el gara Itoophiyaatti dhufuun tajaajila tola ooltummaa kennuu isaanii eeranii, keessattuu damee fayyaa irratti hojiileen raawwataman kan eeramaniidha.

Ce’umsa beekumsaa fi teeknoolojii, jijjiirraa muuxannoo fi dameelee garaa garaa irratti dandeettii ogeessotaa leenjiidhaan cimsuudhaan hariiroo biyyoota lamaanii cimsuun danda'ameera jedhaniiru.

Yeroo ammas dhaabbileen Israa'el 100 ol ta'an filannoowwan daldalaa fi investimantii Itoophiyaa garaa garaa irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru.

Tattaaffii faayidaa waliinii biyyoota lamaanii ol kaasuuf taasifamu irrattis Daandiin Qilleensa Itoophiyaa fi Indaastiriin Aviyeeshinii Israa'el gahee murteessaa taphachaa jiru.

Balalliin kallattii Finfinnee irraa hanga Teel Avitti sa'aatii afur qofa kan fudhatu ta'uun isaa jijjiarraa daldalaa fi tajaajilaa yeroo gabaabaa keessatti ariifachiisuuf carraa gaarii uumuu isaa ibsaniiru.

Kunis Israa'el oomishaalee qonnaa Itoophiyaa, Itoophiyaan immoo bu'aawwan uumamaa fi teeknoolojii gurgurtaa fi daldalaatiin akka ariifatu gochuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira.

Hundeeffamni gabaa kaapitaala Itoophiyaa, Finfinnee gidduugala dippiloomaasii siyaasa Afrikaa fi Addunyaa ta'uun ishee Israa'el inveestimantiif biyya filattu akka taatu ishee dandeessiseera jedhaniiru.

Fooyya'insi dinagdee gooroo fi misooni dijitaalaa Itoophiyaa abbootii qabeenyaa Israa'eliif dameelee daldalaa fi investimantii garaa garaa irratti qabeenya isaanii akka investi godhaniif haala mijataa uumuu isaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015