Tamsaasa Kallatti:

Guddinni bu’uuraalee misoomaa  Barnootaa  irratti raawwatamaa jiru dhaqqabamummaa barnootaa irratti bu'aa qabatamaa fidaa jira

Fulbaana  4/2019 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Boranaa Bahaatti bu’uuraaleen  misoomaa  barnootaa irratti hojjetamaa jiru qulqullinaa fi dhaqqabamummaa barnootaa irratti bu'aa qabatamaa fidaa jiraachuu Waajjirri Barnootaa Godinichaa beeksise.

Godinichatti bara barnootaa haarawaaf reeshoo barataa fi kutaa barnootaa walgita taasisuuf   manneen barnootaa Idileen duraa  18  fi manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa 5 ijaaramanii barattoota simachuuf qophii ta'uun isaanii  ibsameera.

Itti gaafatamaan Waajjira Barnootaa Godina Booranaa Bahaa Obbo Diidhaa Galgaloo  qophii bara haarawaaf taasifame ilaalchisee ENA waliin turtiisaniiru.


 

Ibsa isaaniitiinis  damee  barnootaatiif, adeemsa  baruu fi barsiisuu  waliigalaatiif, keessattuu qulqullinaa fi dhaqqabamummaa barnootaatiif qophiin qindaa'aan taasifamuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan, bara barnootaa haarawaa kanatti barattoota idilee  kuma 189 fi 340 ol simachuuf qophiin guutuun taasifamuu dubbataniiru.

Ijaarsi manneen barnootaa kunis bara barnootaa 2019tti barattoota kuma  1fi 500 ol simachuu kan dandeessisu ta'uu ibsaniiru.

Walumaagalatti Godina Booranaa Bahaatti  bu’uuraaleen  misooma  barnootaa irratti raawwatamaa jiru qulqullinaa fi dhaqqabamummaa barnootaa irratti bu'aa qabatamaa fidaa jira jedhaniiru.

Jiraataan magaalaichaa   Ajajaa dhibbaa   Amaare Asiraat   akka ibsanitti   ijaarsi mannee barnootaa bu'uura dhaloota ijaaruu waan ta'eef hirmaannaan hunda keenyaa  murteessaadha  jedhaniiru.

Tumsa cimaa ummataa fi mootummaatiin godinichatti sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuu fi haarawa ijaaruun adeemsa  baruu fi barsiisuuf qophii akka ta'an taasifameera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015