BRICS tumsa waliinii gara qabeenya waliinii, cichoominaa fi guddina waaraatti jijjiiruuf dandeettii fi kutannoo bal'aa qaba-Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
BRICS tumsa waliinii gara qabeenya waliinii, cichoominaa fi guddina waaraatti jijjiiruuf dandeettii fi kutannoo bal'aa qaba-Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad
Fulbaana 3/2019 (ENA) BRICS tumsa waloo gara sona walootti, ciminaafi guddina itti fufiinsa qabuutti jijjiiruuf dandeettii fi kutannoo bal’aa akka qabu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ibsan.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Yaa’ii BRICS 18ffaa Hindii, Niiwuu Deeliitti gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachaa jiru.
Doktar Abiyyi Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti ergaa dabarsaniin, yaa'ii BRICS mata duree “Cimina, Kalaqa, Tumsaafi Itti fufinsa Ijaaruu” jedhuun gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachuun keenya nu boonseera jedhan.
BRICS tumsa waloo gara sona walootti, ciminaafi guddina itti fufiinsa qabuutti jijjiiruuf dandeettii fi kutannoo bal’aa qaba jedhan Dooktar Abiyyi Ahimad.
Biyyoota miseensa BRICS keessatti qabeenya, teeknooloojii fi gabaa bal’aan jiraachuus ibsanira.
Carraan amma jiru dandeettiiwwan kana walitti hidhuun sona olaanaa uuma akkasumas sonni uumamu kun bakka qabeenyi jirutti akka oomishamu taasisa jechuunis dubbatan.
Itiyoophiyaan misooma albuudaa, anniisaa haaromfamaa fi bu’uura indaastirii guddachaa jiru irratti hundaa’uun tumsaawwan kana ijaaruuf qophii ta'uus hubachiisan.
Dabalataanis, sirnoota hojii keessatti cimina ijaaruu, hubannoon namtolchee fedhii Ardichaa akka tajaajilu taasisuu, adeemsa boqonnaa liqaa amanamaa fi bu’a qabeessa ta’e guddisuu, akkasumas hojiiwwan eegumsa qilleensaa jijjiirama diinagdeen walitti hidhuun akka barbaachisus hubachiisan.
Waltajjiin BRICS tumsa waloo gara sona walootti, ciminaafi guddina itti fufiinsa qabuutti jijjiiruuf dandeettii fi kutannoo bal’aa akka qabus kaasaniiru