Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Kaazaakistaan Qaasim Joomart Tokaayev waliin mari’atan

Fulbaana 3/2019 (ENA) — Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Kaazaakistaan Qaasim Joomart Tokaayev waliin hariiroo fi tumsa biyyoota lamaanii caalaatti cimsuu haala dandeessisurratti mari’ataniiru.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin akka ibsanitti, Yaa’ii BRICS guyyaa lammaffaa irratti Pirezidaantii Kaazaakistaan Qaasim Joomart Tokaayev waliin marii Hariiroo gamlamee biyyoota lamaanii gaggeessaniiru.

Marii isaaniin dameewwan dijitaalaayizeeshinii, daldalaa fi invastimantii, akkasumas ittisaa keessatti carraalee tumsa jiran babal’isuun haala danda’amuufi hariiroo fi tumsa biyyoota lamaanii caalaatti cimsuu irratti mari’ataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015