Darbiin Maanchistar yeroo 199ffaa har’a gaggeeffama - ENA Afaan Oromoo
Darbiin Maanchistar yeroo 199ffaa har’a gaggeeffama
Fulbaana 3/2019 (ENA)፦ Piriimeer Liigii Ingiliiziittin tapha torbe 4ffaattin, Maanchistar Yunaayitid fi Maanchistar Siitiin har’a tapha darbii magaalaa Maanchistariin waliin taphatu.
Taphni dorgommii cimaa ta’e kun galgala sa’aatii 12:30 irratti Istaadiyeemii Oold Tiraaforditti ni gaggeeffama.
Maanchistar Yunaayitid qabxii 4’n sadarkaa 13ffaa irratti argama,Maanchistar Siitiin immoo qabxii 9’n sadarkaa lammaffaa irra jira.
Kilaboonni lameen kun dorgommiiwwan hunda keessatti yeroo wal qunnaman, kun yeroo 199ffaa dha.
Taphoota 198 kanaan dura taphatan keessatti, Maanchistar Yunaayitid yeroo 81 mo’achuun dursaa yoo ta’u, Maanchistar Siitiin yeroo 63 injifateera. Taphoota 54n immoo walqixa xumuramaniiru.
Piriimeer Liigii keessatti yeroo 58 walitti kan dhufaan yoo ta’u, Maanchistar Yunaayitid yeroo 27 yoo injifatu, Maanchistar Siitii yeroo 21 injifateera. Taphoota 10 hafan irratti immoo walqixa xumuramaniiru.
Taphoota liigii isaanii shanan darban keessatti, kilaboonni lameen tokkoon tokkoon isaanii yeroo lama injifataniiru. Tapha tokko irratti immoo walqixa xumuramaniiru.
Maanchistar Yunaayitidii fi Maanchistar Siitiin kilaboota magaalaa tokkoo kanneen bara dheeraa wal dorgomaa turanidha.
Kilaboonni lameen yeroo jalqabaaf bara 1881 walitti dhufanii kan taphatan yoo ta’u, tapha sana Maanchistar Yunaayitid goolii 3 fi 0’n injifateera.
Kilaboonni lameen tapha isaanii isa jalqabaa irraa eegalee waggoota 145f dorgommii cimaa Ingiliizii fi sadarkaa Awurooppaa irratti gaggeessaa turaniiru.
Maanchistar Yunaayitid waancaa liigichaa yeroo 20 moo’achuun kilaboota Ingiliizii keessatti dursaa yoo ta’u, Maanchistar Siitii immoo yeroo 10 waancaa liigichaa moo’ateera.
Kilaboonni lameen yeroo dhumaaf Piriimeer Liigii keessatti kan wal qunnan Guraandhala 2018 yoo ta’u, yeroo sanatti Maanchistar Yunaayitid goolii 2 fi 0’n injifachuun isaa ni yaadatama.
Maanchistar Yunaayitid torban sadaffaa keessatti Evarton waliin 2-2n walqixa baheera. Har’a ammoo gara mo’ichaatti deebi’uuf kaayyoo guddaa qabaachuun dirree seena.
Morkataan magaalaa isaa Maanchistar Siitiin immoo taphoota liigii sadan jalqabaa hunda injifateera. Har’a yoo injifate, dursummaa liigii Arsenaal irraa deebi’ee fudhachuuf carraa qaba.
Tapha har’aa irratti dorgommii walqixa fi hawwataa ta’e akka mul’atu ni eegama.
Abbaan murtii umuriin isaa waggaa 41 Mikaa’el Olivar, tapha darbii eegamaa jiru kana ni dursu.
Guyyaa har’aa sagantaan taphaa biraa Koovantarii Siitii fi Biraayiton gidduutti kan gaggeeffamu yoo ta’u, sa’aatii 10:00 irraa eegalee ni taphatu.