Tamsaasa Kallatti:

Tumsi dinagdee, daldalaa fi invastimantii Itiyoophiyaa fi Biraaziil gara boqonnaa haaraa fi abdii qabeessaatti cehaa jira

Fulbaana 2/2019 (ENA)- Tumsi dinagdee, daldalaa fi invastimantii Itiyoophiyaa fi Biraaziil gara boqonnaa haaraa fi abdii qabeessaatti cehaa jiraachuu Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Biraaziil Jandiir Fareeraa ibsan.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Biraaziil Jandiir Fareeraa Doos Saantoos turtii ENA waliin taasisaniin, tumsi dinagdee, daldalaa, invastimantii fi dameewwan tarsiimawaa jidduu jiru bal’achaa dhufeera.

Akka Kanaan hariiroon biyyoota lamaan jirugara boqonnaa haaraa fi abdii qabeessaatti cehaa jira jedhaniiru.

Biraaziil waajjira ejensii daldalaa fi invastimantii Afriikaatti beeksisu (Apex Brasil) kan jalqabaa Finfinneetti banuushee eeranii; haalli kun tumsa dinagdee, daldalaa fi siyaasaa biyyoota lamaanii guddaa akka cimsu ibsaniiru.

Dureeyyiin Biraaziil carraalee dinagdee Itiyoophiyaa dandeettii dameelee dhuunfaa akka hubatan, akkasumas mootummaa Itiyoophiyaa waliin tumsa gam-lamee cimaa akka uuman ni mijeessajedhaniiru.

Qonni biyyoota lamaaniifuu dinagdee keessatti ijoo waan ta’eef fuulduratti xiyyeeffannoon kennameefii kan irratti hojjetamu dame tumsaa isa ijoo keessaa isa tokkodha jedhaniiru.

Kana malees Biraaziil sagantaa “ashaaraa magariisaa” Itiyoophiyaan itti jirturraa muuxannoo guddaa akka fudhattu eeraniiru.

Turtii waggoottan arfan darban Finfinneetti taasisaniin fooyyessi dinagdee Itiyoophiyaa keessatti galmaa’e, komishinii marii biyyaalessaa fi guddina bu’uraalee misoomaa taajjabuusaanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015