Ergaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad- - ENA Afaan Oromoo
Ergaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad-
Yaa’ii BRICS cinaatti ministira muummee Maaleejiiyaa Anwaar Ibraahiim waliin wal arginee mari’anneerra.
Carraa gaarii daawwannaa seena qabeessa Sadaasaa bara 2018 Finfinneetti taasisan irraa argame caalaatti cimsuun haala danda’amurratti mari’anneerra.
Mariin keenya tumsa Invastimantii, turizimii humna haaromfamaa babal’isuu fi imala gara COP22 tti taasifamurratti tumsa keenya cimsuun haala danda’amurratti kan xiyyeeffatedha. Kana malees misooma paarkiiwwan industirii Maaleejiiyaa, oomishtummaa fi muuxannoowwan dame oomishaa fudhachuun haala danda’amurratti mari’anneerra.
Itiyoophiyaa fi Maaleejiiyaan tumsa dinagdee cimaa hundeesuuf dandeettii guddaa qabu; kunis gama invastimantii, teeknooloojii, ogummaa fi hammattoowwan misooma egereetiin carraalee haaraa kan uumudha.
See less