Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Iraan Mas’ud Pezeshkiyaan waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Iraan Mas’ud Pezeshkiyaan waliin mari’atan
Fulbaana 2/2019 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Iraan Mas’ud Pezeshkiyaan waliin mari’ataniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hammattoo Waltajjii maatii BRICS pilaas keessatti, pirezidaantii Iraan waliin mari’achuusaanii ibsaniiru.
Mariin yaa’ichaan cinaatti gaggeeffame taateewwan naannawa galaana diimaa jiranii fi haala nageenyaa walii galaa riijinichaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu eeraniiru.
Barbaachisummaa marii fi tasgabbii riijinichaa dhugoomsuun haala danda’amurratti mari’achuusaanii dubbataniiru.