Hariiroon Itiyoophiyaa fi Hindi gara tumsa seena qabeessa haaraa olaanaatti ni ceha-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Hariiroon Itiyoophiyaa fi Hindi gara tumsa seena qabeessa haaraa olaanaatti ni ceha-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Fulbaana 2/2019 (ENA)-Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’ii BRICS cinaatti ministira muummee Hindi Narendiraa Moodii waliin dhimmoota tumsa biyyoota lamaanii cimsuun danda’amurratti mari’achuusaanii ibsan.
Marii taasisaniin, tumsa ittisaa cimsuu, cehumsa teeknooloojii, ijaarsa dandeettii, misooma dame albuudaa, akkasumas imala gara COP32tti taasifamurratti xiyyeeffachuusaanii beeksisaniiru.
Tumsi dameewwan kanneenii tumsa qabatamaa cimsuu fiummattoota biyyoota lamaaniif carraalee haaraa uumuuf dandeettii olaanaa akka qaban ibsaniiru.
Itiyoophiyaa fi Hindi hariiroo seenaa gadi fageenyaa, walitti hidhata aadaa turee fi ummattoota biyyoota lamaanii jidduutti michoomni cimaan jiraatus, dandeettiin bal’aan biyyoota lamaan jidduu jiru har’allee faayidaarra osoo hin ooliin hafuusaa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru.
Kanaaf walitti hidhata seenaa fi fedhii gaarii kana teeknooloojiin, ogummaan, invastimantiin, , misooma egeree fi tumsa hariiroo ummattoota biyyoota lamaanii cimaarratti hundaa’e caalaatti guddaa kan ta’ee fi fayyadama waloo mirkaneessutti jijjiiruuf yeroon sirriin ammadha jedhaniiru.