Yaa’iin hoggantoota BIRICS 18faan har’a eegalama - ENA Afaan Oromoo
Yaa’iin hoggantoota BIRICS 18faan har’a eegalama
Fulbaana 2/2019 (ENA)- Yaa’iin hoggantoota BIRICS 18ffaan har’a Hindi Niwu Delhiitti gaggeeffamuu eegala.
Yaa’iin guyyaa lamaaf turu kun mata duree iraarsa “dandeettii cimaa, kalaqaaf, tumsa waloo fi nageenyaaf” jedhuun gaggeeffama.
Hoggantoonni biyyoota miseensa BRICS, hoggantoonni biyyoota deeggartootaa fi itti gaafatamtoonni olaanoo dhaaabbilee idil addunyaa yaa’ii kanarratti ni hirmaatu.
Miseensa BRICS kan taate Itiyoophiyaanis yaa’icharratti ni hirmaatti.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’icharratti hirmaachuuf Niiwu Deelhii dhaquusaanii waajjirri ministira muummee beeksiseera.
Hooggantoonni tumsa dippilomaasii fi dinagdee sadarkaa idil addunyaatti guddachaa dhufe caalaatti guddisuun haala danda’amurratti ni mari’atu jedhameetu eegama.
Yaa’iin baranaa bulchiinsa idil addunyaa cimsuu, dhageettii biyyoonni guddachaa jiran siyaasa addunyaaarratti qaban guddisuu fi tumsa daldalaa fi invastimantii cimsuurratti xiyyeeffateera.
Nageenya walitti hidhata dhiheessii mirkaneessuu fi dandeettii faayidaa dinagdee dijitaalaa bal’isuun xiyyeeffannoowwan yaa’ichaa keessaayyu.
Mariin nageenyaa fi inagjii ilaalchisuun gaggeeffaman muddama ji’oo siyaasaa hammaachaa dhifa, dhimmoonni ariifachiisaa wabii inarjii fi wabii nyaataa ilaalchisee filmaata furmaataa dhiheessuuf akeekkataniiru.
Ya’ii hoggantoota BRICS 18ffaa irratti hirmaattonni 500 ta’an akka hirmaatan eegama .
Yaa’ii hoggantootaa cinaatti gaggeeffamaa kan jiru foramii daldalaa BRICS irratti jilli daldalaa kuma lama caalan hirmaataniiru.
Hindi dura taa’aa BRICS kan yerooti.