Bara Haaraa Itiyoophiyaa, Abaaboo Birraa fi Caffee - ENA Afaan Oromoo
Bara Haaraa Itiyoophiyaa, Abaaboo Birraa fi Caffee
Bara Haaraa Itiyoophiyaa, Abaaboo Birraa fi Caffee: Mallattoo Haaromsaa fi Abdii
Itiyoophiyaa keessatti, ayyaanni bara haaraa, jireenya haaraa fi abdiin kan guutamedha. Bara haaraa kana simachuuf ammoo, abaabo birraan mallattoo guddaadha.
Ayyaanni kun Fulbaana 1 kabajama. Lammiileen Itiyoophiyaa ayyaana kana maatii fi firoota isaanii wajjin kabaju.
Wayita ayyaana kana kabajan immoo caffeen ykn afanni allaadduun lalisaaniifi abaaboo birraa mana miidhagsuu fi guyyaa sana ayyaana ayyaana fakkeessuuf gargaaramu.
Bunni ayyaanaaf qophaa’e bu’ee shiniin diriifamee jiru biratti immoo caffeen afamuun kanuma baramedha. Kuni hin taane taanaan ayyaanniyyuu ayyaana hin fakkaatu jedhama.
Abaaboo Birraa: Mallattoo Haaromsaa fi Miidhaginaa
Abaaboo birraan waktii Birraa qofa waan daraaree miidhaguuf itti akka moggaafames ni dubbatama.
Abaaboo birraan halluu bifa keelloo midhaggaadhaa fi foolii gaarii qabudha. Abaaboo birraan mallattoo midhagina uumamaa, haaromsa jireenyaa fi abdii jireenya egeree fooyya'aa kan agarsiisu ta’uu maanguddoonni dhugaa bahu.
Hawaasni ayyaana kana kabajus abaaboo birraan mana isaa miidhagfata. Warri baadiyaa oyiruuma ofii keessaa haammachuun mana ofii kan miidhagfatan yoo ta’u, warreen magaalaa immoo bitachuun itti fayydamu.
Gaafa ayyaana waggaa bara haaraa caffeen mana ofii keessa afamee,magariimmaan isaa fi bunni akaawamee aarri isaafi aarri ixaanaa waliin simboo ayyaanaaf dabalu.
Uummanni Itiyoophiyaas inni qabu isa hin qabneef qooduun kan qabummoo wal waamuun dabareen waliin ayyaana ayyaaneffata. Gaafa kanas caffeenii fi abaaboon simboo addaa ayyaana kanaa ta’uun miidhagsu.
Baga Bara Haaraa 2019’n Nagaanii fi Gammachuudhaan Ittiin Isin Gahe!