Tamsaasa Kallatti:

Dura taa'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Fulbaana 1/2019 (ENA): Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahammuud Alii Yuusuf bara haaraa 2019 sababeeffachuu ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Dura taa’aan kun ergaa isaanii keessatti ummataa fi mootummaa Itiyoophiyaa guutuuf hawwii qaban ibsaniiru.

Komishiniin Gamtaa Afrikaa ummata Itoophiyaa waliin gamtaan dhaabbachuu akka itti fufu ibsuun, tokkummaa Afrikaa, bilisummaa fi milkaa’ina jalqabbii waloo keessatti gumaacha seena qabeessa biyyattiin qabdu dinqisiifataniiru.

Ummanni Itiyoophiyaa bara nagaa, jaalalaa fi badhaadhinaa akka qabaatu hawwaniiru.

Komishiniin Gamtaa Afrikaa, Afrikaa tokkoomte, nageenyi ishee mirkanaa’ee fi badhaate ijaaruuf kutannoon hojjechuu akka itti fufus mirkaneessaniiru.

#Ena-Afaan -Oromoo #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015