Tamsaasa Kallatti:

Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanechi Abeebee ayyaana bara haaraa sababeeffachuun maaddii qoodan

Fulbaana 1/2019(ENA) :  Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanechi Abeebee ayyaana bara haaraa 2019 maaddii qoodaniiru.


 

Ergaa dabarsaniin, haalli maaddii qooddachuun yeroo mara giddugala keessatti kan raawwatu ta’uyyuu,har’a guyyaa ayyaana waggaa sababeeffachuun kabajaa fi jaalala isiniif qabnu irraa kan ka’e maatii ta’uu keenya ibsuuf maaddii qooddanneerra jedhani.


 

Ayyaanni bara haaraa kuni irra caalaa kan wal cina dhaabbannu akka ta’uu fi kan badhaadhinaa akka nuuf ta’u nan hawwa jechuun ergaa dabarsaniiru.

#Ena-Afaan -Oromoo #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015