Tamsaasa Kallatti:

Imbaasiiwwanii fi Ambaasaaddaroonni Biyyoota Adda Addaa ergaa bara haaraa dabarsan

Fulbaana 1/2019 (ENA): Imbaasiiwwanii fi ambaasaaddaroonni biyyoota adda addaa teessoo isaanii Finfinnee taasifatan ergaa bara haaraa bara 2019 dabarsaniiru.

Barri haaraan kuni Itiyoophiyaaf kan nagaa, tokkummaa fi badhaadhina akka ta’uu fi hariiroon biyyoota biroo waliin qabu daran akka cimu amantaa qaban ibsaniiru.


 

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Yunaayitid Arab Emireet Abdullaah Al Shamsi ergaa isaanii keessatti barri haaraa kan nagaa akka ta’uuf hawwii guddaa qaban ibsaniiru.

Ambaasaaddarichi itti dabaluudhaan, walta’iinsa tarsiimoo fi michummaan Emiraatota Arabaa Gamtoomanii fi Itiyoophiyaa gidduu jiru fedhii fi wal kabajuu irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.

Barri haaraan kan nagaa, jaalalaa fi guddinaa akka ta'u hawwaniiru.


 

Itiyoophiyaatti Imbaasii Maaleezhiyaatti dubbii fixaan Mohdi Afendii Abubakar Itiyoophiyaanota hundaan baga bara haaraa 2019 ittiin isin gahe jedhaniiru.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Siriilaankaa Nirmaala Induumaati Diyaas Paaraanaaviitaanaa gama isaaniitiin barri haaraan kun ummata Itiyoophiyaaf tokkummaa fi badhaadhina akka fidu hawwaniiru.


 

Michummaa fi walitti dhufeenyi aadaa Siriilaankaa fi Itiyoophiyaa akka itti fufu amantaa cimaa qaban ibsaniiru.


 

Itiyoophiyaatti eeggataan ambaasaaddaraa Dhimmoota Jarmanii Ferdinandi von Weyihe barri haaraan Itiyoophiyaaf bara nagaa, tokkummaa fi badhaadhinaa akka ta’u hawwaniiru.


 

Fiinlaanditti Imbaasii Itiyoophiyaa itti Aantuu misiyoonaa Pirjoo-Liisaa Heeykilaan barri haaraan kun bara gammachuu fi badhaadhinaa Itiyoophiyaanotaa akka ta’u hawwaniiru.


 

Itiyoophiyaatti impaasii Deenmaarkitti itti aantuun itti gaafatamtuu misiyoonaa Mirjaa Kiroonee barri haaraan Itiyoophiyaa bara walta’iinsa cimaa biyyoota lamaanii cimsuu akka ta’u hawwaniiru.


 

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Israa’el Abrahaam Nigusee (PhD.) Itiyoophiyaa fi Israa’el michummaa bara dheeraa kan qaban ta’uu ibsuun, michummaa bara dheeraa kana cimsuun sadarkaa itti aanutti ceesisuun itti fufna jedhaniiru.

Gamtaan Awurooppaa bara haaraattis tumsa Itiyoophiyaa waliin qabu cimsuu itti fufa kan jedhan immoo Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Gamtaa Awurooppaa Soofii Firoom-Emisberger dha.


 

Ambaasaaddar Soofii Firoom-Emisberger Itiyoophiyaanotaaf barri haaraan 2019 kan nagaa, badhaadhinaa, fayyaa gaarii fi gammachuu akka ta’u hawwaniiru.

Imbaasiiwwan Ameerikaa, Raashiyaa, Chaayinaa, Yunaayitid Kingidam, Iraan, Paakistaan, Meksikoo, Awustiraaliyaa fi Kaanaadaa Itiyoophiyaatti argamanis ergaa gammachuu bara haaraa qaban dabarsaniiru.

#Ena-Afaan -Oromoo #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015