Barri 2019 dandeettiin Raayyaa Ittisaa Biyya keenyaa caalaatti kan itti cimu ta’a – Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa - ENA Afaan Oromoo
Barri 2019 dandeettiin Raayyaa Ittisaa Biyya keenyaa caalaatti kan itti cimu ta’a – Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa
Fulbaana 01/2019(ENE): Shuumiin Iitaamaajorii Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, uummata Itoophiyaa fi Raayyaa Ittisaa Biyyaatiif ergaa hawwii gaarii Bara Haaraa 2019 dabarsaniiru.
Fiildi Maarshaal Birhaanuun akka ibsaniitti, barri 2018 qormaata hedduu keessa dabaramus, Raayyaan Ittisaa kaayyoo fi karoorawwan biyyaaleessaa gahumsa ol’aanaadhaan galmaan gaheera.
Nageenya biyyaa eeguu, hawaasni gara jireenya idilee isaatti akka deebi’u gochuu fi teeknooloojii ammayyaatiin dandeettii Raayyichaa gara dijitaalaatti ceesisuun hojiiwwan gurguddoo raawwataman ta'uu eeran.
Bara 2019 keessa hojiiwwan xiyyeeffannoo gurguddoo dhimmoota dandeettii, humna namaa, leenjii fi Indaastirii Ittisa Biyyaa gara sadarkaa fooyya'aatti ceesisuu irratti kan hojjetamu ta'uu ibsuudhaan, barri haaraan dandeettii fi qophaahummaan Raayyaa keenyaa caalaatti kan itti cimu ta'a jedhan.
Barri haaraan kun nageenya waaraa, badhaadhina uummataa fi milkaahina Raayyaa Ittisaa kan fidu akka ta'u hawwaniiru.