Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon ergaa baga ittiin isin gahee dabarsa - ENA Afaan Oromoo
Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon ergaa baga ittiin isin gahee dabarsa
Fulbaana 1/2019 (ENA): Giiftii duree Zinnaash Tayyachoon bara haaraa 2019 sababeeffachuun hawwii gaarii lammiilee Itoophiyaa hundaaf qaban dabarsaniiru.
Giiftiin dureen ergaa baga gammaddan fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin, barri haaraan kun bara nagaa, jaalalaa fi gara laafinaa, akkasumas bara abdii fi eebba akka ta’u hawwii qaban ibsaniiru.