Tamsaasa Kallatti:

Bara haaraa kana ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi giiftii duree Zinnaash Taayyaachoo waliin dabarsuu keenyaafi kennaa nuuf kennametti gammanneerra

Fulbaana 1/2019 (ENA): Bara haaraa kana ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi giiftii duree Zinnaash Taayyaachoo waliin dabarsuu keenyaafi kennaa nuuf kennametti gammanneerra jedhani miseensonni hawaasaa kennaa kana fudhatan.


 

Mnistirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi giiftii duree Zinnaash Taayyaachoo bara haaraa sababeeffachuun hawaasa harka qalleeyyii waliin maaddii qooddachuun kennaa ayyaanaas kennaniiru.

Hawaasni ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi giiftii dureen Zinnaash Taayyaachoo maaddii waliin qooddatanis galata qaban ibsaniiru.

Hawaasa maaddii qooddatan keessaa aadde Baqqalechi Mul’ataa tokko yoo ta’an, ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad harka qalleeyyii kan kabajanii fi jaalatan ta’uu himani.


 

Obbo Tsaggaayee Gabramaariyaam gama isaatiin maaddii qooddannaa fi kennaa ayyaanaa kanaaf galata qaban ibsuun, barri haaraan kuni Itiyoophiyaaf bara guddinaa fi badhaadhinaa akka ta’u hawwii qaban ibsaniiru.


 

Obbo Ahimad Albadawwee gama isaaniin kennaa fi maaddii qooddannaa kanaan gammaduu ibsuun, kennaan kuni kan Rabbi jaalatu ta’uu dubbatani.


 

Aadde Fayisee Muluus gama isaaniitiin; Kennaan ministirri muummee fi giiftii dureen Zinnaash Taayyaachoo kennaan nuuf kennan maatii koo waliin gammachuu guddaadhaan ayyaana kana akkan dabarsuu fi bara dhufu abdii ifa ta’een akkan simadhu na dandeessisa jedhan


 

Obbo Tafarii Shongaa ,Aadde Geexuu Waaqeefi Dasiyaa Ahimad gama isaaniin deeggarsi amma isaaniif taasifame ayyaana kana gammachuudhaan akka dabarsan akka isaan gargaaru eeruun, deeggarsichaaf galata qaban ibsaniiru.

#Ena-Afaan -Oromoo #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015