Tamsaasa Kallatti:

Sirreeffamtoota seeraa 600 oliif dhiifamni taasifame

Sirreeffamtoota seeraa 600 oliif himannaan irratti baname adda cituun dhiifamni taasifameefi

Qaammee 5/2018 (ENA): Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa namoota dhuunfaa sirna heera mootummaa humnaan kuffisuuf yaalii gochaa turan jedhamanii mana amala sirreessaa jiran hiikuuf ji’oota 5 darbaniif mootummaa waliin hojjechaa akka ture beeksiseera.

Sirreeffamtoonni ajaja mana murtiitiin  to'annoo seeraa jala turan obbo Kiristaan Taaddalaa Dabalatee 600 ol dhiifamni taasifameefii akka gad lakkifaman yoo ta’u, kanneen dhaddacharra turan ammoo himannaan isaanii adda kutuun akka gad lakkifaman Komishinarri omishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa obbo Biraanuu Adeeloo ENAtti himaniiru.

Dhiifamaa fi himannaan isaanii adda cituun dabalataan mirgi isaanii seeraan addaan citee ture akka deebi'u ibsameera.

Sirreeffamtoonni 28 gaaffii dhiifamaa dhiyaateef waan hin fudhanneef mana amala sirreessaa keessa akka jiran ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015