Ayyaana sababeeffacuun richiitiin ni dhukaafama - ENA Afaan Oromoo
Ayyaana sababeeffacuun richiitiin ni dhukaafama
Ayyaana Bara Haaraa 2019 Sababeeffachuun Richiitiin ni dhukaafama - Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaaleessaa
Qaammee 5/2018(ENA): Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaaleessaa Bara Haaraa sababeeffachuun halkan har'aa Qaammee 5, 2018 halkan waarii sa'aatii 6:00 hanga 6:15tti richiitiin kan dhukaafamu ta'uu beeksiseera.
Boru Fuulbaana 1, 2019 kan kabajamu Ayyaana Bara Haaraa 2019 simachuuf qophii taasifameen, dhukaasni richiitii kun Hoteela Sharaatan Addiis, Hoteela Monaarkii fi bakkeewwan Koka Kolaa Itoophiyaatti daqiiqaa 15f kan raawwatamu ta'uun ibsameera.
Kanas hawaasni odeeffannoo gahaa fi sirrii akka qabaatuuf Qajeelchi Waliigalaa Ol’aanaa Poolisii Magaalaa Finfinnee ergaa dabarsera.