Tamsaasa Kallatti:

Afyaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota ummataa obbo Taaggasaa Caafoo ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Afyaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota ummataa obbo Taaggasaa Caafoo ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Qaammee 5/2018(ENA): Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo bara haaraa 2019 sababeeffachuun lammiilee Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanota hidda dhaloota Itiyoophiyaa guutuu biyyattii fi biyya alaa jiraniif ergaa bara haaraa dabarsaniiru.

Afyaa’iin kun ergaa isaanii keessatti barri haaraan bara kanaa seenaa siyaasaa fi dimokiraasii Itiyoophiyaa keessatti bakka addaa akka qabu ibsaniiru.

Filannoon biyyaalessaa 7ffaan bifa bilisaa, haqa qabeessaa fi dimokiraatawaa ta’een akka gaggeeffame kan hubachiisan Afyaa’iin kun sadarkaa seena qabeessa Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa haaraan aangoo heera mootummaa isaa fudhatee mootummaa itti ijaaru irra jirra jedhan.

Barri haaraan kun jijjiirama seenaa qofa osoo hin taane seenaa keessatti boqonnaa haaraa Itiyoophiyaan fooyya’aa, cimtuu fi dimokiraatawaa itti ijaaramtu ta’uu ergaa isaanii keessatti akeekaniiru.

Afyaa’iin kun waggoota shanan darbanitti Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaan imala jijjiirama biyyattii bu’uura seeraa fi guutuu ta’een raawwachuu isaa, akkasumas hojiiwwan seera baasuu, to’annoo fi bakka bu’ummaa itti gaafatamummaa guddaadhaan raawwachuu isaa yaadachiisaniiru.

Manni maree 7ffaan imala jijjiiramaa eegalame itti fufsiisuun mala dhaabbilee cimsuun badhaadhina waliigalaa biyyattii mirkaneessuuf itti gaafatamummaa seena qabeessa bahachuu ibsaniiru.

Afyaa’iin Taaggasaa Caafoo barri haaraa kan nagaa, jaalala, tokkummaa fi badhaadhina akka ta'u hawwii qaban dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015