Tamsaasa Kallatti:

Barri haaraan tokkummaa biyyaalessaa cimsuun miira hojii olaanaadhaaan hojiileen misoomaa hunda galeessaa kan itti gabbatanidha

Qaam’ee 5/2018 (ENA)- Barri haaraan tokkummaa biyyaalessaa cimsuun miira hojii olaanaadhaaan hojiileen misoomaa hunda galeessaa kan itti gabbatanidha jedhan pirezidaantiin naannoo Hararii Ordiin Badrii dubbatan.

Pirezidaanti Ordiin Badrii ‘guyyaan egeree” naannichatti wayita kabajamu ergaa dabarsaniin, barri 2018 addaa fi seena qabeessadha jedhaniiru.

Filannoo biyyaalessaa 7ffaa karaa nagaa, demokiraatawaa fi bilisa ta’een gaggeessinee ummanni abbaa aangoo ta’uusaa sagaleesaatiin kan itti mirkaneesse waltajjiin demokiraasii guddaan kan itti gaggeeffamedha jechuun ibsaniiru.

Bu’urri hawaasummaa Paartilee dorgomtootaa waliin hojjechuun kaa’amuusaatiin bu’aaleen waliigaltee biyyaalessaa gabbisan kan itti argamedha jedhaniiru.

Adeemsa siyaasaa fi demokiraasii cinaatti, barri 2018 hojiileen misoomaa hawaasummaa fi dinagdee gurguddoon jireenya lammiilee fooyyessan kan itti galmaa’anidha jechuun ibsaniiru.

Misoomni kooriidaraa, hawattoonnii turuzimii fi pirojektoonni namarratti xiyyeeffatan hatattamaan ijaaramanii tajaajilaaf bara itti oolan ta’uu kaasaniiru.

Hojii qonnaa fi misooma naannawaa, sagantaa ashaaraa magariisaan wabii nyaataa mirkaneessaa jirra jedhaniiru.

Barri 2018 kaka’umsii fi kutannoon olaanaan kan itti mul’ate, hirmaannaa fi fayyadamni ummata keenyaa kan itti mirkanaa’e ta’uu ibsaniiru.

Barri haaraas tokkummaa biyyaalessaa kan itti cimsinu, olaantummaa seeraa kan itti mirkaneessinuu fi bu’ura misoomaa cimaa kan itti keenyudha jedhaniiru.

Hojiilee fayyadamummaa ummattoota magaalaa fi baadiyyaa jiraatan mirkaneessaniif xiyyeeffannoon adda ni kennamaaf jechuun hubachiisaniiru.

Nageenyaa fi olaantummaa seeraa naannichaa caalaatti cimsuudhaan duudhaa wal danda’uu fi walooma ummataa cimsuuf hojiin hojjetamu xiyyeeffannoon ni kennamaaf jechuun ibsan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015