Tamsaasa Kallatti:

Baayer Muniik Boodoo Giliimti fi Maanchistar Yunaayitid Saabaah waliin ni taphatu

Qaam’ee 5/2018 (ENA)-Sagantaan shaampiyoonsi liigii Awurooppaa boqonnaa liigii marsaa jalqabaa har’a xumurama.


Baayer Muniik halkan keessaa sa’aatii afuritti kilaba Noorweeyi Bodii waliin Istaadiyeemii Aliyaanzi Areenaatti ni taphata.

Sagantaa biraatiin Manchistar Yunaayitid fi Saabaah halkan keessaa sa’aatii afuritti Istaadiyeemii Oldtiraafoorditti ni taphatu.


A.L.Atti bara 2017 kan hundeeffame kilaba Azarbaajaan kan ta’e Saabaah yeroo jalqabaaf shaampiyooni liigiitti hirmaata.


Sagantaalee birootiin yeroo jalqabaaf shaampiyoonsi liigiitti kan hirmaatu kilabni Xaaliyaanii Koomoo Arbii Layipziig fi Silaaviyaa Piraag Leensi waliin sa’aatii wal fakkaataa halkan sa’aatii afuritti ni taphatu.


Fiinerbaachee Roomaa waliin  akkasumas PSV Ayindihoven Shaakaataar Doneski waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 1 fi daqiiqaa 45tti ni taphatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015