Tamsaasa Kallatti:

Imala Hubannoo Namtolchee Itoophiyaa

Mootummaan Ida’amuu ergama teeknoolojii ammayyaa addunyaan bira geessee fi gahuuf jirtu teeknoolojii guddina dinagdee fi hawaasummaaf fayyadamuu qabu keessaa tokko kan ta’e Hubannoo Namtolchee (Artificial Intelligence - AI) teeknoolojii furtuu fi xiyyeeffannoo guddaa kennameefii hojjechaa jira. Itoophiyaan teeknoolojii kanaan addunyaa waliin tarkaanfachuun, humna dargaggootaa ijaaruu fi tajaajila uummataa ammayyeessuu irratti hojii seena-qabeessa raawwachaa jirti.

Hojiilee gurguddoo fi dhaabbilee Hubannoo Namtolchee (AI) guddisuuf hojjetaman, fayyadamummaa lammiilee fi bifa biyyaas olkaasuun sadarkaa Afrikaa fi Idil-Addunyaatti guddisuun beekamtii argatteetti.

Hojiilee gurguddoo Itoophiyaan agama kanaan hojjette ijoo isaanii isiniif dhiyeessina Itti dhiyaadhaa.


 

1. Dhaabbilee fi Inisheetiiviiwwan Hubannoo Namtolchee Gurguddoo (Key AI Institutions & Initiatives)

Mootummaan bu'uura teeknoolojii fi beekumsaa uumuuf dhaabbilee fi sagantaalee gurguddoo armaan gadii diriirsee jira:

  • Inistitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itoophiyaa (Ethiopian Artificial Intelligence Institute - EAII):

    • Bakkaa fi Dhaabbata: Finfinnee keessatti kan hundeeffame dhaabbata qorannoo fi misooma teeknoolojii hubannoo namtolchee (AI) ti.
    • Gummaacha fi Hojii: Instityootiin kun fayyaa, qonna, tajaajila faayinaansii, fi seera kabachiisuu keessatti meeshaalee teeknoolojii AI fi algorizimoota biyya keessaa oomishaa jira. Keessattuu teeknoolojii afaanota biyya keessaa (Afan Oromo, Amharic, etc.) fi sirna adda baasa fuulaa (face recognition) ijaaruun tajaajila uummataaf dhiheessa.

    •  
  • Inisheetiivii Kooderoota Itoophiyaa Miliyoona 5 (5 Million Ethiopian Coders Initiative):
    • Ergamaa fi Hojii: Dargaggoota biyya keessaa leenjii koodingii, barnoota AI (Artificial Intelligence), data science, fi ‘cloud computing’ toora intarnetaatiin leenjisuun dandeettii dijitaalaa isaanii guddisuuf sagantaa guddaa jalqabamedha.
    • Hanga ammaatti karooraan ol hojjetaeera.
    • Fayyadamummaa: Dargaggoota miliyoona hedduun lakka'amaniif teeknoolojii ammayyaa sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa ta'an uumuu fi carraa hojii teeknoolojii dijitaalaatiin deeggarame bantee jira.

    •  
  • Teeknooloojii Daataa fi Muster AI  (Tech Hubs & Data Centers):
    • Ijaarsa giddugala Daataa sadarkaa idil addunyaa (National Data Center) fi bakka leenjii dargaggootaa uumuudhaan, hubannoo namtolchee irratti qorannoon akka babal’atuu fi oomishni teeknoolojii akka babal'atu deeggarsa ni kenna.

    •  

2. Fayyadamummaa Lammiilee Mirkanaa'e

Teeknoolojiin AI yaad-rimee qofa ta'ee osoo hin hafiin, jireenya guyyaa guyyaa lammiilee irratti jijjiirama fidaa jira:


 

  1. Sektaara Fayyaa keessatti: Hubannoo Namtolchee(AI) fayyadamuun fakkiiwwan yaala fayyaa (medical imaging/X-ray/CT scan) xiinxaluudhaan dhukkuboota akka kaansarii fi daranyoo sombaa dafee adda baasuu fi wallaansa saffisaa kennuuf deeggarsa gochaa jira.
  2. Sektaara Qonnaa keessatti: Hubannoo namtolchee fayyadamuun dhukkuboota biqilootaa fi gabbina biyyee balleessan xiinxaluudhaan qonnaan bultootaaf gorsa teeknoolojiin deeggarame kennuu, akkasumas lafa qonnaa sattalaayitiidhaan hordofuun bu’aa olaanaa kennaa jira.
  3. Afaanota Biyya Keessaa ammayyeessuu: AI fayyadamuun afaanota akka Afaan Oromoo fi Amaaraa toora intarnetiitiin hiikuun, dubbii ykn sagalee gara barreeffamatti jijjiiru (speech-to-text) fi qorannoo NLP (Natural Language Processing) irratti hojjechuun lammiileen afaan dhaloota isaaniitiin teeknoolojii akka fayyadaman taasisaa jira.
  4. Faayinaansii fi FinTech: Bankiilee fi dhaabbilee maallaqaa keessatti sirna AI fayyadamuun odeeffannoo soobaa (fraud detection) ittisuu fi tajaajila baankii toora intarnetan kennamu saffisiisuun tajaajila olaanaa kennaa jira.


 

3. Fakkeenyummaa Sadarkaa Afrikaa fi Idil-Addunyaatti Qabu


 

Hojiileen AI Itoophiyaa keessatti hojjetaman fakkeenyummaa fi dhiibbaa guddaa sadarkaa ardii fi addunyaatti uumanii jiru:

  • Giddugaleessa Teeknoolojii Afrikaa (African AI Hub): Itoophiyaan Inistitiyuutii AI hundeessuun fi bajata guddaa itti ramaduun Afrikaa keessatti biyyoota muraasa teeknoolojii kanaan fuulduratti tarkaanfatan keessaa tokko taatee jirti. Biyyoonni Afrikaa biroonis muuxannoo fi qorannoo ‘EAII’ irraa muuxannoo horachuuf Itoophiyaa daawwachaa jiru. Biyyoonni Afrikaa muuxannoo AI Itoophiyaan galmeessifte kana gara biyyoota Afrikaa birootti akka babal’isaniif Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin Gamtaan Afrikaa Dursaa Damee Hubannoo Nam-tolchee (Artificial Intelligence - AI) fi Fayyaa Dijitaalaa taasisuun muude.  


 

  • Beekumsaa fi Misooma Biyya Keessaa: Galteewwan Hubannoon Namtolchee addunyaa irratti oomishamu baay'inaan afaanotaa fi aadaa dhihaa irratti hunda'a. Itoophiyaan garuu teeknoolojii AI aadaa, afaan fi haala dinagdee Afrikaatiif ta'u oomishuu keessatti fakkeenya guddaa taatee jirti.


 

  • Yunivarsiitii Hubannoo Namtolchee: Itoophiyaan akka Afrikaatti isa jalqabaa kan ta’e yunivarsiitii hubannoo namtolchee hundeessuun waadaa galtee gara hojiitti seenteetti.


 

  • Dorgomtummaa Idil-Addunyaa: Dargaggoonni inisheetiivii leenjii AI fi koodarootaa baratan gabaa idil-addunyaa (remote jobs, global IT market) irratti dorgomuu danda'aniiru. Kaniinis Itoophiyaa biyya teeknoolojii ammayyaatiin beekamtuu fi qophii qabdu gochuu keessatti gahee guddaa taphachaa jira.

Walumaagalatti, mul'atni Mootummaa Ida'amuu AI irratti qabu Itoophiyaa teeknoolojii biyya biraatii Bitattuu qofa osoo hin taane, teeknoolojii Oomishtuu fi kalaqxua sadarkaa Afrikaa fi idil addunyaatti akka taatu gochuuf bu'uura cimaa kaa'eera.

#Ena-Afaan -Oromoo #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015