Tamsaasa Kallatti:

Magaalaan Shaggar tajaajila ummataa ammayyeessuuf cehumsa dijitaalaa si’achiisaa jirti

Qaam’ee 5/2018 (ENA)- Magaalaan Shaggar tajaajila ummataa ammayyeessuu fi mul’ata magaalaa egeree milkeessuuf cehumsa dijitaalaa si’achiisaa jiraachuu kantiibaan magaalattii Dr. Tashoomaa Addunyaa ibsan.

Kantiibaan magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa Qaam’ee 5 guyyaa egeree sababeeffachuun kutaa magaalaa Ekkaa Xaafootti kan ijaarame gamoo tajaajila dijitaalaa wiirtuu tokkoo Masoob eebbisanii hojii eegalchiisaniiru.

Kantiibichi wayita kana akka jedhanitti, magaalaan Shaggar mul’ata magaalaa egeree milkeessuuf teeknooloojii, dijitaalaayizeeshinii fi misooma magaalaa fulla’aa xiyyeeffannaan hojiirra oolchaa jirti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015