Yaa’iin marii biyyaalessaa milkaa’inaan xumuramuunsaa Itiyoophiyaaf boqonnaa haaraa kan banee fi abdii ifaa kan fidedha - ENA Afaan Oromoo
Yaa’iin marii biyyaalessaa milkaa’inaan xumuramuunsaa Itiyoophiyaaf boqonnaa haaraa kan banee fi abdii ifaa kan fidedha
Qaam’ee 5/2018 (ENA)- Yaa’iin marii biyyaalessaa dhimmoota biyyaarratti hammataa fi hirmaachisaa ta’e milkaa’inaan xumuramuunsaa Itiyoophiyaaf boqonnaa haaraa kan banee fi abdii ifaa kan fide ta’uu komishinariin olaanaa komishinii marii biyyaalessaa piroofeesar Masfin Ar’ayaa ibsan.
Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa hojiilee yeroo hojiisaa hafetti xumuramuu qaban akka raawwatu beeksiseera.
Komishinariin olaanaa komishinii marii biyyaalessaa piroofeesar Masfin Ar’ayaa hojiilee ijoo bara 2018tti hojjetamanii fi hojiilee ijoo yeroo yeroo hafetti raawwataman ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Ibsa kennaniin barri bajataa 2018 milkaa’inaan xumuramuusaa dubbatanii, milkaa’inoota keessaa yaa’iin marii biyyaalessaa milkaa’inaan xumuramuunsaa kan eeramu ta’uu dubbataniiru.