Ergaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Ergaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Imala Itoophiyaan gara Naannoo Daldala bilisaa Afrikaatti taasistu hojii qabatamaan mirkaaneessee
Itoophiyaan imala gara Naannoo daldala walaba Afrikaatti (AfCFTA) taasistu hojii qabatamaan mirkaneessaa jirti.
Har'a magaalaa Moojotti argamuun, lafa hektaara 60 irratti kan ijaarame Buufata Loojistikii ammayyaa babal’isuu keessaa marsaa jalqabaa eebbifneerra.
Pirojektiin kun milkaa’ina Naannoo Daldala Walaba Afrikaatiif akkasumas Itoophiyaatiif gahee olaanaa kan qabudha.
Pirojektiin guddan kun, waggaatti kontenaara fe’umsaa faana 20 dheeratan (TEU) hanga miliyoona tokkootti siqan keessummeessuu kan danda’an buufataalee fi manneen kuusaa ammayyaa qaba.
Fe’umsawwan goggogaa biyya keessatti akka fe’amanii fi ergaman taasisuun, sharafa alaa qusachuu qofa osoo hin taane, lammiilee keenyaaf carraa hojii bal’aa ni uuma.
Saffisa hojiiwwan buufatichaa guddisuuf, yeroo jalqabaatiif biyya keenya keessatti Kireeniin Baabura Irratti Hojjetu (Rail-Mounted Gantry Crane) ijaaramee jira; kunis kontenaaroota sarara baaburaa irratti geejjibsiisuu fi dabarsuu saffisa olaanaadhaan raawwata.
Adeemsi hojii guutuun isaa bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa ammayyaatiin kan walitti hidhame waan ta'eef, maamiltootaaf tajaajila saffisaa fi amanamaa akka kennamu ni taasisa.
Sararri kun Itoophiyaa-Jibuutii qofa irratti kan hundaa’e osoo hin taane, qaama Kooridarii “DASU” kan Itoophiyaa, Sudaan Kibbaa fi Ugaandaa walitti hidhu ta’uun isaa, sadarkaa loojistikii addunyaa irratti gahee Itoophiyaan qabdu ni fooyyessa.
Kunis walitti hidhamiinsa dinagdee naannawaa keenyaa gara sadarkaa guddinaa haaraatti kan ceesisu, akkasumas ga’umsa Itoophiyaa damee loojistikii addunyaa keessatti kan cimsu milkaa’ina seena qabeessadha.