Tamsaasa Kallatti:

Imala    Dijiitaala Itoophiyaa 

Itoophiyaan guddina hundagaleessa imala badhaadhina milkeessu galmaan ga'uuf tarkaanfilee gurguddaa galmoota tarsimaa'a waliin qopheessuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Tarkaanfilee tarsiimaa'a kanneen keessaa dijiitaala  Itoophiyaan isa tokkoo dha.

Itoophiyaa Dijiitaalaa 2030n waggoota dhiyootti dandeettii teeknoolojii biyyattii ol kaasuu xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa jirti.

Guddinni teeknoloojii dijiitaalaa Itoophiyaa saffisa olaanaadhaan guddachaa kan jiru yoo ta'u, karoora Dijiitaatala Itoophiyaa  2030 (Digital Ethiopia 2030) irratti huda'uun utubaa dinagdee biyyattii ta'aa jira.

 Keessattuu tajaajilawwan mootummaa fi dhuunfaa gara sirna dijiitaalaatti  jijjiiruun milkaa'ina guddaan argameera.

Tarsiimoon kun utubaawwan gurguddoo sadii irratti hundaa'a. "Itoophiyaan Dijiitaalaa 2030 dhaqqabamummaa bal'isuu, carraa wal-qixa uumuu fi dhaabbilee fi uummata hunda biratti amantaa uumuu irratti xiyyeeffata.

 

Misooma digiitaalaa kana keessatti dhimmoonni ijoon akka armaan gadiitti ibsamu:

1. Bu'uuraalee Misoomaa fi  (Telecom)

Lakkoofsa Maamiltootaa: Lakkoofsi maamiltoota bilbila  (mobile) miliyoona 97 kan gahe yoo ta'u, fayyadamtoonni intarneetaa miiliyoona 57 qaqqabaniiru.

Tajaajila 4G fi 5G: Magaalonni kuma1 fi 030 ol tajaajila intarneeta saffisaa 4G kan argatan yoo ta'u, karoora 'Digital Ethiopia 2030' tiin tajaajila 5G gara magaalaa 100tti babal'isuuf hojjetamaa jira.

2. Kaffaltii Dijiitaalaa

Kaffaltiin dijitaalaa Itoophiyaa keessatti waggoota dhihoo as saffisa olaanaadhaan guddachaa kan jiru yoo ta'u, tajaajiloonni garaagaraa

fi sirnoota kaffaltii haaraa  fayyadamuun bakka jiranitti bittaa, gurgurtaa fi kaffaltii gibiraa raawwachuun ni danda'ama.

  • Telebirr fi Kaffaltiiwwan Biroo: Sirni kaffaltii maallaqa harkaa malee ykn dijiitaalaa gabaa keessatti baay'ee babal'ateera. Telebirr, Ethiopay, fi appilikeeshiniin baankota dhuunfaa fi mootummaa tajaajila dinagdee saffisiisaniiru.

  •  

3. Eenyummeessa Dijiitaalaa (Fayda - National ID)

Sirni eenyummeessa biyyaaleessaa dijiitaalaa (Fayda) lammiilee miiliyoona dhibbaa ol walitti hidhuuf kan kaayyeffate yoo ta'u, kutaalee tajaajila baankii,tajaajiloonni biroon  fi tajaajilawwan mootummaa argachuuf akka ulaagaa ijoo ta'etti tajaajilaa jira.

Faayidaan eenyummeessaa imala dijitaalessuu kan  milkeessudha.

Tajaajilootni hedduunis waraqaaa eenyummeessa dijitaalaan kennamuu eegalaniiru.

4.Tajaajilawwan Mootummaa Dijiitaalessuu

Mootummaan Itoophiyaa tajaajilawwan isaa 900 ol gara sirna digiitaalaatti jijjiireera. Kunis iftooma uumuuf, rakkoo bulchiinsa gaarii , qisaasama  yeroo fi  maallaqaa hanbisuun  hawaasni tajaajila si’ataa akka  argatuuf  gargaareera.


 

Walumaagalatti, imalli dijiitaalaa Itoophiyaa hojii dhabdummaa hir'isuu, kalaqa haaraa jajjabeessuu, fi dinagdee beekumsaa ijaaruu irratti xiyyeeffatee tarkaanfataa jira.

Tajaajila wiirtuu tokkoo masoob  sadarkaa biyyaalessati babal’isuun  imala  dijiitaala  2030 dhugoomsuu fi  itti fayyadama  hawaasaa  guddisuuf hojjetamaa jira.

Galmi isaa dorgommii dirree teeknoloojii jaarraa 21ffaa keessa seenuu yoo ta'u, kenni tajaajila mootummaas iftooma, haqa qabeessummaa si'ataa taasisuun al-seerummaafi hoj-maata badaa qolachuuf kan gargaarudha. Kanaanis  imala dinagdee dijitaalaa akka biyyaatti qabame kan milkeessudha.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015