Tamsaasa Kallatti:

Misoomnii fi guddinni si’ataan magaalaa Finfinnee raajiidha

Qaam’ee 5/2018 (ENA)-Misooma kooriidaraa fi ijaarsa dinagdee magariisaa dabalatee misoomni si’ataa fi guddinni magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru kan raajeffamu ta’uusaa Itiyoophiyaatti itti aanaan ambaasaaddaraa Jarman Dr. Fardiinaand Fon Bahee  ibsan.

Magaalaan Finfinnee guyya guyyaatti jijjiiramaa fi guddina haaraa galmeessisaa jiraachuushee arguusaanii dubbataniiru.

Itiyoophiyaatti itti aanaan ambaasaaddaraa Jarman Dr. Fardiinaand Fon Bahee ENA’f akka ibsanitti, jijjiiramni magaalattiin waggoota sadan darban galmeessisaa jirtu raajiidha.

Waggoottan sadan Itiyoophiyaa keessa turanitti misooma kooriidaraa fi hojiilee misoomaa magaalattiitti hojjetamaa jiraniin jijjiirama guddaa arguusaanii dubbataniiru.

Misoomni Finfinnee keessatti hojjetame magaalattii namoota lafoo fi bishkileetiin deemaniif mijattuu kan taasisee fi bashannanaaf filmaata ta’uu ibsaniiru.

Sagantaan ashaaraa magariisaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru magaalattiin miidhagduu fi bakka magariisaa akka taatu gumaacha taasisuusaa dubbataniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoo barana gaggeeffame qofaan biqiltuuwwan miiliyoona 800 ol dhaabamuusaa kaasanii waggoottan darban biqiltuuwwan hedduun dhaabamuusaanii dubbataniiru.

Sagantaan ashaaraa magariisaa miidhaginaa fi eegumsa naannoon olitti faayidaan dinagdeef qabu olaanaa ta’uusaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015