Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan egereeshee har’a hojjechaa jirti-tajaajila komunikeeshinii mootummaa

Egereen kan murtaa’u hojii har’a hojjennuuni! Milkaa’inni boruu kan bocamu carraaqqii keenya har’aatiini. Kan darberraa muuxannoo gaarii fudhachuun, kan har’aa sirriitti hubachuun har’arra dhaabachuun mul’ata boruu ijaaruun amantaa cimaa fi amala mootummaan keenya ittiin beekamudha.

Beekumsa man-dhalee teeknooloojii ammayyaa waliin walitti hidhuun egeree baraaruuf qophaa’uun itti gaafatama guddaa dhaloota kanarraa eegamu akka ta’e mootummaan cimseetu amana. Dijitaalaayizeeshinii akka damee dinagdeetti fudhachuun xiiyyeeffannoon guddaan kennameefii hojjetamaa kan jiru kanaafi.

Itiyoophiyaan dhaloota dhufuuf mindaa malee idaa hin dhaalchiftu. Dhimma yeroon gaafatuuf deebii kennuu dadhabuun idaa dhalootaati. Biyyi keenya guddattoota miiliyoonaan lakkaa’aman mana barumsaa keessatti soorachiisuun kan barsiiftu kanaafi; dargaggoota miiliyoonaan lakkaa’aman leenjii koodarsii bilisaatiin ga’oomsaa kan jirtu kanaafi; yunivarsiitii hubannoo nam-tolchee kan jalqabaa hundeessaa kan jirtu kanaafi. Egereen beekumsa teeknooloojii malee, egereen nageenya saayibarii malee, egereen birmadummaa odeeffannoo malee balaa jiraachuu akka ta’e mootummaan keenya ni hubata; kanaaf ammoo dhaloota ni qopheessa.

Damee dinagdee jedhamaa kan ture qonni bara dheeraaf boodatti hafaa kan jedhame fuulduraaf teeknooloojiin alatti itti fufiinsisaa balaarra jira. Balaawwan uumamaa fi nam-tolchee of eeggannoon duraa fi deebii kennuuf dijitaalaayizeeshiniin murteessaadha. Tajaajiloota mootummaa qulqullinaa fi hatattamaan lammiilee qaqqabsiisuuf hojmaatileen baroota darbanii boruuf mitii har’aafiyyuu nama hin baasan.

Dargaggoota sadarkaa addunyaatti dorgomuu danda’anii fi hojii uuman baay’isuuf ogummaan dijitaalaa baay’ee barbaachisa. Itiyoophiyaan wantoota kana irratti xiyyeeffachuun hojjechaa waan jirtuufidha “Itiyoophiyaan egereeshee har’a hojjechaa jirti” kan jennuuf.

Qaam’ee guyyaa shanaffaa guyyaa egeree jennee kabajuun keenya barri itti aanu dandettii dorgommii teeknooloojii kan barbaadu, murteen odeeffannoo xiinxaluu irratti hundaa’e kan itti kennamu, qorannoowwqan qonnarraa amma saayinsii hawaatti teeknooloojii dijitaalaan kan gargaaraman jala bultiirra waan jirruuf dhaloota kana madaalu baay’isuuf akka hojjennu hubachiisuufi.

Qaam’ee 5 moggaasa guyyaa egeree jedhuun kabajamuunsaa dijitaalaayizeeshiniin ijaarsaa fi kabajamuu birmadummaa Itiyoophiyaa egereef biyyi keenya cehumsa dijitaalaayizeeshiniirra akka jirtu ibsuufi.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015