Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti Sirreeffamtoonni Seeraa kuma 2 fi 735 dhiifamaan akka gadhiifaman murtaa’e

Qaammee 4/2018 (ENA): Mootummaan Naannoo Oromiyaa Sirreeffamtoonni Seeraa kuma 2 fi 735 dhiifamaan akka gadhiifaman murteessu isaa Hogganan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Guyyoo Waariyoo ibsan.

Sirreeffamtoonni dhiifamaan gadhiifaman keessaa dhiiraa kuma 2 fi 518 fi dubartoota 217 ta’uu dubbatan.

Adeemsi dhiifama kennuu kun aangoo Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin Pirezidaantiif kan kennamee fi Qajeelfama Dhiifamaa Lakkoofsa 10/2013 irratti hundaa’uun kan raawwatame ta’uu ibsaniiru.

Qajeelfamicha keessatti, namoonni hidhaa salphaa ji’a sadii irraa eegalee hanga hidhaa cimaa waggaa 25tti itti murtaa’e, akkasumas yeroo hidhaa itti murtaa’e keessaa harka sadii keessaa tokko yookaan isaa ol kanneen xumuran, ulaagaalee dhiifamaa guutuu akka danda’an himaniiru.

Sirreeffamtootn dhiifamaaf ilaalaman keessaa gocha isaanii irraa gaabbuu, itti gaafatamummaa fudhachuu, seera kabajanii jiraachuuf waadaa galuu, hawaasa keessatti nagaan jiraachuu fi jireenya hawaasummaa keessatti sirnaan hirmaachuuf fedhii qabaachuun ulaagaalee ijoo ta’uun ibsameera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015