Tamsaasa Kallatti:

Barri Haaraan injifannoowwan dabalataa gama dippilomaasiitiin galmeessuuf caalaatti kan itti hojjennuudha

Qaammee 4/2018 (ENA): Barri Haaraan, milkaa’inoota dippilomaasii baroota darban galmaa’an irraa ka’uun injifannoowwan dabalataa galmeessuuf, mul’ata haaraa horachuuf, akkasumas dandeettii haaraa guddisuuf carraa guddaa kan uumu ta’uu isaa Itti gaafatamaan Waajjira Ministeera Dhimma Alaa Obbo Addaam Tasfaayee ibsan.

Ministeerri Dhimma Alaa fi dhaabbileen itti waamamani isaanii ministeerichaaf ta’an, Guyyaan Daneessummaa mata-duree “Daneessummaan miidhagina Itoophiyaati” jedhuun kabajaniiru.


Sirna kabaja ayyaanichaa irratti hoggantoonni hojii olaanoon Ministeera Dhimma Alaa fi dhaabbileen itti waamamni isaanii ministerichaaf ta’an, dippilomaatonni akkasumas hojjettoonni waajjirichaa argamaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Ministeera Dhimma Alaa, Obbo Addaam Tasfaayee, ergaa dabarsaniin, guyyaan Daneessummaa kabajamaa jiru kun yeroo filannoon waliigalaa biyyattii milkaa’inaan itti xumuramee fi Mareen Biyyaalessaa milkaa’inaan itti gaggeeffame waan ta’eef, yeroo seena qabeessa ta’uu ibsaniiru.

Bara xumurame keessatti dameewwan bu’uuraalee misoomaa, diinagdee, eegumsa naannoo fi dippilomaasii, akkasumas dameewwan biroo keessatti milkaa’inoonni olaanoon galmaa’uu isaanii ibsaniiru.


Guyyoonni Qaammee olka’insa, cichoomina, Daneessummaa fi Egeree yaadachuun milkaa’inoota galmeessine itti lakkoofsinu, akkasumas bara haaraaf mul’ata haaraa itti qopheessinu ta’uu ibsaniiru.

Milkaa’inoota dippilomaasiin galmaa’an bu’uura godhachuun, bara haaraa keessatti bu’aa caalmaa fi injifannoowwan dabalataa galmeessuuf kutannoon akka hojjetamu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015