Tamsaasa Kallatti:

Diinagdee Dijitaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Babaliisuun, Egeree tokkummaa fi Misoomaa Cimsuuf Dandeessisu Ijaaramaa Jira

Qaammee 4, 2018 (ENA): Itoophiyaan diinagdee dijitaalaa fi bu’uuraalee misoomaa ishee babal’isuun, tokkummaa fi misooma cimsuuf haala mijataa uumuu kan dandeessisu egeree ijaaramaa jiru ta’uu Ministirri Innooveeshinii fi Teeknooloojii, Dr. Baallaxaa Mollaa ibsan.

Ministeerri Innooveeshinii fi Teekinoloojii dhaabbilee mootummaa federaalaa biroo waliin ta’uun, Qaammee 5/2018 kan kabajamu “Guyyaa Egeree” ilaalchisee ibsa kenneera.

Ministirri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Baallaxaa Mollaa yeroo kanatti akka jedhanitti, mootummaan guyyoota Qaammee maqaa garaagaraatiin kabajaa jira.

Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii dhaabbilee mootummaa biroo waliin ta’uun, Itoophiyaa diinagdee dijitaalaan badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran kan agarsiisu guyyaa Egeree ni kabaja jedhan.

Itoophiyaan imaammataa fi tarsiimoowwan qopheessuun, diinagdee dijitaalaa ijaaruuf hojiiwwan barbaachisan hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.

Teeknooloojii dijitaalaan gahumsa kan cime, tajaajila mootummaa yeroo ammaa waliin walsimu ijaaruudhaan, akkasumas tajaajila mootummaa saffisaa fi bu’a qabeessa ta’e kennuun, egeree akkamii ijaaruu akka qabnuuf bu’uura kaa’aa jirra jedhaniiru.

Ministirichi, “Egeree jechuun Itoophiyaa dhaloonni dargaggootaa ittiin dhaaluu dha” jedhan. Dhaloota dhufuuf haala tokkummaa, nageenyaa fi misoomaa uumu kan dandeessisu egeree ijaaruuf hojjechaa akka jirranis ibsaniiru.

Barri haaraan yeroo abdii fi yaada haaraa itti maddisiifnudha. Kanaaf, waadaa ummata keenyaaf galle hojii irra oolchuu qabna jedhaniiru.

Barri haaraan kun qormaatawwan garaagaraa keessa darbuun, nageenyaa fi misooma milkaa’aa galmeessinu akka ta’u hawwa jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015