Tamsaasa Kallatti:

Daneessummaan humna ijaarsa biyyaafi seenessa waloo ittiin dhugoomudha -Aadde Sa’aadaa Abdurramaan

Qaammee 4/2018 (ENA): Daneessummaan humna ijaarsa biyyaafi seenessa waloo ittiin dhugoomudha jedhan Afa-yaa’ii Caffee oromiyaa Sa’aadaa Abdurramaan .

Itoophiyaan biyya sabaafi sablammoota hedduu, akkasumas aadaa, duudhaa, seenaafi amantii gara garaatiin badhaateta’uu ibsaniiru.


Daneessummaan kun qabeenya biyya keenyaa taʼee, garaagarummaa akka miidhaginaafi humnaatti fayyadamuun waliin jiraachuuf buʼuura taʼa.

Uummanni aadaa, amantii, seenaafi eenyummaa gara garaa qabu kun waggoota dheeraaf garaagarummaa isaa waliif kabajaa, wal dandaʼaa, waliif yaadaa fi wal cinaa dhaabbataa dhufeera.

Keessumaa aadaan wal-gargaarsaa, waloomaa fi waliin hojjechuu uummata keenya keessatti hidda dheeraa qaba jedhaniiru.

Yeroo rakkoo wal bira dhaabbachuu, yeroo gammachuu waliin gammaduu, nama rakkate gargaaruu, hojii waliinii hojjechuu fi rakkoo waloon furuun duudhaa hawaasummaa keenya keessaa isa ijoodha.

Gama birootiin seenaa keessatti uummanni keenya rakkoolee keessaa fi alaa waloon injifachuun, tokkummaa Itoophiyaa tiksuudhaan harʼaan gahee jira jedhaniiru.

Harʼas daneessummaa keenya akka carraa fi humnaatti fayyadamuun, aadaa wal-gargaarsaa fi waloomaa keenya cimsaa deemuun dirqama dhaloota ammaa irraa eegamuudha jechuun dubbataniiru.

Haaluma kanaan bara kana Qaammeen 4, Guyyaan Daneessummaa Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti magaalaa Shaggar, kutaa magaalaa Furiitti sirnoota garagaraan kabajamee jira.


Guyyaa kana sababeeffachuunis Waajjirri Caffee Oromiyaa, Biiroo Kominikeeshinii, Biiroo Hojjetaafi Hawaasummaa, Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Oromiyaafi Bulchiinsi magaalaa Shaggar waliin ta'uun harka qalleeyyii, qaama miidhamtootaafi akkasumas dubartoota sirreeffamtoota seeraatiif deeggarsa garagaraa taasisaanii jiru.

Af- Yaa'iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa'adaa Abdurahamaan saganticha irratti argamuun haasaa taasisaniin daneessummaan humna ijaarsi biyyaafi seenessi waloo ittin dhugoome ta'uu himaniiru.


Dhalootni har'aas federaalizimii dhugaa lafa qabsiisuun daneessummaa duudhaa gaarummaa irratti bu'uurfate itti fufsiisuuf hojjechuu qabas jedhaniiru.

Guyyaa Daneessummaa kabajnu, hojii kenna tajaajila lammummaa, calaqqee gaarummaa fi duudhaa Oromoo ta’e, qaamolee deeggarsa barbaadaniif taasisuun barbaachisaa ta’uu himaniiru gabaasni BKO mul'isa.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015