Tamsaasa Kallatti:

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baga guyyaa gamtaa Afriikaan isin gahe jechuun ergaa dabarsan

Qaam’ee 4/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad baga guyyaa gamtaa Afriikaan isin gahe jechuun ergaa dabarsaniiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti barreessaniin, Itiyoophiyaan dhaabbata tokkummaa Afriikaa duraaniirraa eegalee amma gamtaa Afriikaa ammaatti imala Ardichaa keessatti sagalee cimaa ta’uudhaan kan turtee fi ammallee sagalee ta’aa jirtudha; Finfinneenis bakka jireenyaa gamtoomina ardii taatee ni tajaajilti jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015