Tamsaasa Kallatti:

Sirbootaafi shubbisaalee aadaa Itoophiyaa bara moofaarraa gara bara haaraatti ce'uu labsan

Qaammee 04/2018(ENA): Bara moofaa xumuruun gara bara haaraatti ce'uu kan labsan sirboota fi shubbisaalee aadaa Ashandaa, Shaadeey, Sooleel, Goobee fi Shinooyyee jedhaman magaalaa Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaa iddoo seenaa qabeessa ta'etti sirna ho'aa fi miidhagaa ta'een kabajamaniiru.


 

Itoophiyaan biyya kuufama qabeenya hawaasummaafi aadaa hedduu qabdudha.

Mootummaan Ida'amuus qabeenyaalee kana eeguu, kunuunsuufi misoomsuun guddina biyyaafi misooma hawaasaatiif oolchuuf hojjechaa jira.

Magaalaa Finfinnee, magaalaa sabaafi sablammoota hedduu hammatte keessatti, aadaaleen miidhagoo Itoophiyaa akka daran mul'atan, akkasumas aadaa fi duudhaa keenya irraa faayidaa dinagdeefi hawaasummaa argachuu qabnu akka argamsiisan hojiiwwan gurguddoon hojjetamaa jiru.

Aadaafi duudhaan durii uummataa akka dagaagu, akka kunuunfamuufi eegamee dhaloota dhufuuf akka darbuuf taasifamaa jiru keessatti bu'aan gaariin argameera.


 

Waajjirri Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Qarreewwanii fi Qerroowaniif simannaa taasiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015