Ijaarsi seenessa waloo walitti fidaan tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf hojjetamaa jiru bu’aa buusaa jira - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsi seenessa waloo walitti fidaan tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf hojjetamaa jiru bu’aa buusaa jira
Qaam’ee 4/2018 (ENA) - Ijaarsi seenessa waloo walitti fidaan daneessummaa fi sabdaneessummaa Itiyoophiyaa bu’ureeffate, kan tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf hojjetamaa jiru bu’aa buusaa akka jiru daarektarri olaanaa wiirtuu barsiisa heera mootummaa fi federaalizimii Dr. Hayilayyasuus Dastaa ibsan.
Sabdaneessummaa gabbisuun tokkummaa biyyaalessaa, nagaa fi guddina misoomaa cimsuuf murteessaa ta’uusaa daarektarichi dubbataniiru.
Itiyoophiyaan sabdaneessummaan kan miidhagde, ummattoota duudhaalee fi galmoota biyyaalessaaf hojjetan akkasumas carraa waloomaatiin walitti hidhatan qabdudha.
Doktar Hayilayyasuus Dastaa ENA waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti, daneessummaa fi sabdaneessummaa Itiyoophiyaa ijaarsa seenessa waloof oolchuudhaan seenessa walitti fidu gama ijaaruutiin bu’aaleen galmaa’aniiru.