Tamsaasa Kallatti:

Guuyyaa Daneessummaa sababeeffachuun Tajaajilli wal’aansaa fi Qorannoo Biliisaa kennamaa jira

Qaammee 4/2018 (ENA): Ministeerri Fayyaa Qaammee 4 guyyaa daneessummaa ilaalchisee tajaajila yaala fi qorannoo bilisaa kennaa jira .

Tajaajilli yaalaa fi qorannoo bilisaa kun Addabaabayii Masqalaatti kennamaa kan jiru yoo ta'u, sochii qaamaa hoogganoonni olaanoon, hojjettoonnii fi jiraattonni magaalaa Finfinnee irratti hirmaatan gaggeefameera .

Ministeerri Fayyaa Dr.Maqdas Dhaabaa; guyyaa Danessummaa sagantaalee adda addaatiin waliin yeroo kabajnu, tokkummaa sab-daneessummaa keenya eegsisuun Itoophiyaa gara ol'aantummaatti ceesisuuf hundi keenya waliin dhaabbachuu qabna jedhaniiru.


 

Tajaajila qorannoo fi yaala bilisaa Addabaabayii Masqalaatti taasifame kana irratti dhaabbilee fayyaa dhuunfaa 30 fi dhaabbilee fayyaa mootummaa 15 hirmaataniiru.

Sagantaa kana irratti tajaajilli yaala Ijaa, Gurraa, Mar'immanii, Gogaa, keessoo qaamaa, yaala baqaqsanii yaaluu, fayyaa dubartootaa, kaansarii, laaboraatorii fi diiyaagnostiksii bilisaan kennamaa jira.


Guyyaa daneesummaa ilaalchisee tajaajila lammummaa qophaa'e kanaan magaalaa Finfinnee qofaatti guyyaa tokkotti kutaalee hawaasaa kuma 10 ol ta'aniif tajaajilli ni kennama.

Sadarkaa guutuu biyyaatti naannolee 12 fi bulchiinsa magaalotaa 2 keessatti namoonni kuma 200 ol ta'an tajaajila qorannoo fi yaala bilisaa ni argatu jedhamee akka eegamu odeeffannoon Ministeera Fayyaa irraa argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015