Tamsaasa Kallatti:

Ayyaana Bara Haaraa wal gargaaruun, jaalalaan, akkasumas namoota deeggarsa barbaadan yaadachuun waliin kabajuu qabna

Qaammee 4/2018 (ENA): Ayyaana Bara Haaraa wal gargaaruun, jaalalaan, akkasumas namoota deeggarsa barbaadan yaadachuun waliin kabajuu qabna jedhan Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa.

Ministeerri Barnootaa Qaamee 4 guyyaa daneessummaa sababeeffachuun, namoota galii xiqqaa qabaniif maaddii qoodaniira.


Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa yeroo kanatti akka jedhanitti, wal gargaaruun aadaa Itoophiyaanotaa ta’uu eeruun, yeroo ayyaana jijjiirraa baraa kabajnuus akkuma kanaan ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Ayyaana Waggaa Haaraa wal deeggaruun, jaalalaanii fi namoota rakkatan yaadachuun waliin kabajuu qabna jedhaniiru.

Bara haaraatti miira tokkummaattin waliin dhaabbachuun, boqonnaa haaraaf waliin ijaarsa biyyaatiif murteessaa ta’uu Ministirichi ibsaniiru.


Gama biraatiin, Ministeerri Nageenyaa Qaam’ee 4 guyyaa daneessummaa sababeeffachuun, dhabbataa “Gergeseenoom — wiirtuu namoota dhibee sammuu qabaniif” ta’eef — maaddii qoodaniira.

Hoogganaan Waajjira Ministeera Nageenyaa Mabraatuu Kaasaa, wiirtichatti argamuun maaddii erga waliin qoodanii booda, lammiileen wiirticha keessa jiran deeggarsa dabalataa kan barbaadan ta’uu ibsaniiru.

Kanaafis, Ministeerichi deeggarsa kanaan dura wiirtichaaf taasisaa ture cimsee akka itti fufu mirkaneesseera.

Hundeessaa fi hoogganaan wiirtichaa Liqetiguhaan Qaasis Mallas Ayyalaa, Ministeerichi deeggarsa garaagaraa kanaan dura taasisaa turetti dabalataan, har’as sagantaa maaddii waliin qooduu gaggeessuu isaa dubbatan.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015