Tamsaasa Kallatti:

Pirezidaanti Ordiin Badrii guyyaa daneessummaa sababeeffachuun manguddootaaf maaddii qoodan

Qaam’ee 4/2018 (ENA)- Pirezidaanti Ordiin Badrii guyyaa daneessummaa sababeeffachuun manguddootaaf maaddii qoodaniiru.

Pirezidaantichi hospitaala ispeeshaalaayizdii walii galaa Hiywoot Faanaatti argamuudhaan dhukkubsattootaa fi haadholii dahan gaafachuudhaan maaddii qooduun alatti meeshaalee qulqullinaa deeggarsaan kennaniiru.

Akkasumas guyyaa daneessummaa sababeeffachuudhaan wiirtuu walgargaarsaa manguddootaa Abrahaa Bahaataatti kan argaman pirezidaanti Ordiin; manguddoota wiirtuu kana keessatti argaman gaafachuun maaddii qoodaniiru.

Waloomaa fi tokkummaa cimsuudhaan lammiif aantummaa agarsiisuu akka barbaachisu kaasanii, “ yemmuu waliin taanu,; waliif gaddinuu fi wal deeggarru gammachuu waliin dabarsuu fi rakkoo huna salphaatti dabarsuu dandenya” jedhaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015