Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Adaamaatti Ayyaana bara Haaraaf Meeshaaleen bu’uuraa gabaaf dhihaataniiru

Qaammee 4/2018 (ENA): Magaalaa Adaamaatti Ayyaana bara haaraaf meeshaaleen bu’uuraa gahaan gatii madaalawaan gabaaf dhihaachuu isaanii shamattoonnii fi daldaltoonni magaalattii ibsan.

Magaalaa Adaamaatti baazaarii ayyaana bara haaraaf baname irratti meeshaaleen bu’uuraa baay'ina gahaadhaan uummata bitattuuf gahuu isaanii oomishtoonnii fi shamattoonni ENA’f Yaada kennan ibsaniiru.

Bakka bu'aan gurgurtaa waarshaa Daakuu Diinaa Obbo Jimmaa Tonkoluu akka ibsanitti; waarshaan isaanii Baazaarii Bulchiinsa magaalaatiin qophaa'e irratti hirmaachuun midhaan nyaataa ayyaana bara haaraaf ta'an qulqullinaa fi gatii madaalawaadhaan uummataaf dhiheessaa jira.

 

Waarshichaan oomishaaleen gabaaf dhihaatan keessaa Xaafii Diimaa fi adiin, daakuu furnoo akkasumas daakuu boqqolloo kan eeraman ta'uu, oomishaaleen kunis akkuma fedhii fi dandeettii shamattootaatti kilogiraama 5, 10, 25 fi 50n dhihaachuun isaanii ibsameera.

Oomishaaleen Bu’uuraa ayyaanaa baay'ina gahaa fi gatii madaalawaadhaan dhihaachuun isaanii kutaan hawaasaa hundi akkuma dandeettii isaatti bitee ayyaanicha gammachuudhaan akka kabaju gummacha ol'aanaa qabaachuu ibsaniiru.

Hojjettuun gurgurtaa waarshaa Zayitaa Golden Fuul Qaalkidaan Shifarraaw gamasaaniin ; waarshichi bara haaraa 2019 dhufu sababeeffachuun tasgabbii gabaa uumuuf qophii bal'aa gochuu isaa ibsaniiru.

Haaluma Kanaan zayita nyaataa liitira lama irraa hamma shaniititti jiru gatii madaalawaa fi baay'ina gahaadhaan baazaaricharratti dhiheessuu ibsaniiru.

Uummanni bitattuus gara baazaarii ayyaanaaf magaalaa keessatti banamanitti deemuudhaan oomishaalee adda addaa barbaadu gatii madaalawaadhaan bitachuu akka danda'u ibsaniiru.

Shamattoota ayyaanaaf bitatatan keessaa Aadde Alam Nuguusee gamasaaniin meeshaaleen bu’uuraa ayyaanaaf barbaachisan Baazaaricharratti baay'ina gahaadhaan dhihaachuu isaanii dubbataniiru.

Industiriiwwan omishtootaa fi daldaltoonni baazaaricharratti oomishaalee bu’uuraa dhiheessaa jiran gabaa tasgabeessuu keessatti gummacha ol'aanaa qabaachuu Adde Alam ibsaniiru.


 

Shamataa biraan Obbo Akliluu Zoodee bulchiinsi magaalaa ayyaana bara haaraa sababeeffachuun baazaarii qopheessuu fi dhiheessitoota waliin qindoomuudhaan omishaaleen kallattiidhaan bitattoota bira akka gahan gochuun isaa gabaan ayyaanaa akka tasgabbaa'u taasisuu isaa ibsaniiru.

Kunis ayyaanicha sababeeffachuun daballii gatii hin barbaachisneen dhiibbaa uummata irra ga’u hir'isaa jiraachuu Obbo Akliiluun dubbataniiru.

Hojii raawwachiisaa Olaanaan Tajaajila garee Investimantii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Buzunaa Girmaa akka ibsanitti; gareen investimantii ayyaana bara haaraa sababeeffachuun oomishaalee bu’uuraa ayyaanaa adda addaa gatii madaalawaadhaan uummataaf dhiheessuuf baazaarii daldalaa qopheesseera.


Baazaaricha irratti industiroonni oomishtoota 300 ol, waldaaleen hojii gamtaa bu'uuraa, intarpiraayizoota xixiqqaa fi giddu galeessaa akkasumas daldaltoonni hirmaachuu isaanii Obbo Buzunaan beeksisaniiru.

Bulchiinsis Ayyaana bara haaraa dhufu sababeeffachuun gabaa irratti hanqinni dhiheessii oomishaa fi daballiin gatii akka hin uumamne akkasumas socho'iinsa daldala seeraan alaatti ittisuu fi to'achuuf koree tasgabbii dhaabee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015