Guyyaan sabdaneessummaa walooma cimsuun hojiilee misoomaa milkaa’aa gabbisuuf humna uuma - ENA Afaan Oromoo
Guyyaan sabdaneessummaa walooma cimsuun hojiilee misoomaa milkaa’aa gabbisuuf humna uuma
Qaam’ee 4/2018 (ENA)-Guyyaan sabdaneessummaa kabajamuunsaa tokkummaa fi walooma cimsuun hojiilee misoomaa milkaa’aa gabbisuuf humna kan uumu ta’uu itti aantuun pirezidaantii naannoo Hararii Roozaa Umar ibsan.
Qaam’ee 4 guyyaan sabdaneessummaa naannoo Harariitti taateewwan garagaraan kabajamaa jira.
Guyyaan kun naannichatti sosochii ispoortiin kan eegalame yoo ta’u, manguddootaa fi dhukkubsattoota gaafachuun maaddii qooduu fi taateewwan biroo akka gaggeeffaman beekameera.
Itti aantuun pirezidaantii naannichaa Roozaa Umar, paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira dame naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa dabalatee hoggantoonni mootummaa naannichaa biroo fi kutaaleen hawaasaa garagaraa saganticharratti argamaniiru.
Itti aantuun pirezidaantii naannoo Hararii Roozaa Umar wayita kana akka ibsanitti, “guyyaan sabdaneessaa” qophiiwwan waloo garagaraa, waloomaa fi tokkummaa sabdaneessummaa cimsaniin kabajamuu eegaleera.
Guyyaan kun kabajamuunsaa duudhaa waloomaa, obbolummaa Harar dur ittiin beekamtu cimsuuf faayidaa olaanaa akka qaban eeraniiru.
Tokkummaa Sabdaneessummaa gabbisuun gamatti tokkummaa fi walooma ummattootaa cimsuun hojiilee misoomaa milkaa’aa gabbisuuf humna kan uumu ta’uu dubbataniiru.
Qophiilee tola ooltummaa fi kanneen biroo waloomaan kabajamaa jiru kun michoomaa fi walitti hidhata hawaasaa ummattoota jidduu jiru cimsuuf qooda olaanaa akka bahatu ibsaniiru.