Sabdaneessummaan keenya faaya ittiin miidhagnu, agarsiiftuu humna ida’amuu keenyaati-tajaajila komunikeeshinii mootummaa - ENA Afaan Oromoo
Sabdaneessummaan keenya faaya ittiin miidhagnu, agarsiiftuu humna ida’amuu keenyaati-tajaajila komunikeeshinii mootummaa
Itiyoophiyaan ida’ama enyummaa hedduuti. Itiyoophiyaanonni haala qilleensaa keessa jiraatanirraa amma aadaa nyaatasaaniitti, sirna oomishaarraa amma aadaa uffannaasaaniitti, amantaasaaniirraa amma amma ilaalcha siyaasaatti,heddummina garagaraatiin faaymti. Ida’amni daneessummaa kun ammo humna dandeettii raawwachuu Itiyoophiyaati.
Daneessummaan Itiyoophiyaanotaa madda garaagarummaa fi walitti bu’iinsaa yoomiyyuu hin araaramne taasifamee akka fudhatamu diinonni keenya seenaa dadhabe osoo hin jenne irratti hojjetaniiru. Haala Kanaan injifannoowwan milkaa’oo bara baraan argaman gamanumaa umurii gabaabsaa, Itiyoophiyaan sadarkaa isheef hin mallerra akka teessu gochuuf dhama’aniiru. Dhaloonni kun garuu hawwii diinota keenyaa fi humna daneessummaa kan hubate, badhaadhina Itiyoophiyaa kan dhugoomsu seenaa hojjechuuf gufuulee garaagarummaa mariidhaan buqqisuuf murteesseera; carraasaa waloo waloomaan karoorseera
Har’a imalli guddummaa Itiyoophiyaanotaa copha akka hin taane toora qabbsiifneerra. Rakkoolee keenyaa fi madda walitti bu’iinsaa ta’uun alagaaf hula seensaa, baandhaaf hulluuqqoo ta’an duuchuuf waloomaan mari’anneerra. mootummaan Itiyoophiyaanonni qabsoo karaa nagaatiin hundeessan waggoottan jijjiiramaa darban gabbachaa dhufee Itiyoophiyaa bu’ura cimaarra dhaabuuf haala dandeessisu uumeera. Garaagarummaan keenya teessuma lafaa, nyaataa, uffannaa, afaanii, amantaa, ilaalchi siyaasaa fi kanneen biroo faayaa fi humna Itiyoophiyaa akka ta’an ejjennoo waloo fudhanneerra.
Daneessummaan keenya agarsiiftuu miidhaginaa fii qaroomina keenya gabbataa, kaleessarraa eegalee amma har’aatti dandeettii keenyaaf sababa akka ta’e marii biyyaalessaa hammataa gaggeessineen mirkaneessineerra; seenaan keenyas raga ta’anii nu agarsisaniiru. Seenaa fi siyaasa addunyaa kan jijjiire Injifannoon Adwaa, humna ji’oo siyaasaa Itiyoophiyaa kan guddise hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi, Maqaa gaarii Itiyoophiyaa wagga waggaan Addnyaarratti kan waamsisu ashaaraan magariisaa humna daneessummaa keenyaaf raga jiraataadha.

Kanaafi Qaam’ee 4 guyyaa sabdaneessummaa jennee daneessummaan faaya Itiyoophiyaa karaa mirkaneessuun kabajaa kan jirru. Itiyoophiyaan biyya daneessummaa hedduu waan taateef humnoota hedduus qabdi. Faayummaa fi humna daneessummaa wal gargaarsaa fi walii keenyaaf dahannoo ta’uun ibsina. Har’a dhugaawwan kunneen addunyaaf kan itti ibsinu guyyaa guddaadha.
Baga Qaam’ee 4 guyyaa sabdaneessummaan isin gahe!
Qaam’ee 4 bara 2018
Tajaajila komunikeeshinii mootummaa FDRI
Finfinnee