Kantiibaan magaalaa Finfinnee adde Adaanech Abeebee bara haaraa sababeeffachuun Maaddii qoodan - ENA Afaan Oromoo
Kantiibaan magaalaa Finfinnee adde Adaanech Abeebee bara haaraa sababeeffachuun Maaddii qoodan
Qaam’ee 4/2018 (ENA) - Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee adde Adaanech Abeebee bara haaraa 2019 sababeeffachuun kutaalee hawaasaa harka qalleeyyiif Maaddii qoodaniiru.
Kantiibaa Adaanech wayita kana akka dubbatanitti, yeroo ayyaanaatti harka qalleeyyii gargaaruu fi maaddii qooduun aadaa Itiyoophiyaanotaa durii kaasee beekamudha.
Sagantaan maaddii qooduu kun deeggarsa nyaataa qofa osoo hin ta’iin jaalala, kabajaa fi walooma lammiileef qabnu kan agarsiisudhas jedhan.
Sagantaan kutaalee magaalaa, aanaalee fi sadarkaa jiddugaleessatti gaggeeffamaa jiru kun akka milkaa’u dureeyyii gumaacha taasisan galateeffataniiru.
Barri haaraa kan nagaa, jaalalaa fi badhaadhinaa akka ta’u hawwii gaarii dabarsaniiru.
Lammiileen maaddii qooddatan bulchiinsa magaalichaa galateeffataniiru.