Ergaa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Ergaa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Guyyaa Waloomaa
Biyyi keenya Itophiyaan duudhaashee biyyaa maddeen, abdii ifaa egeree ishee ofiisheetiin bocaa jirti!
Duudhaalee ajaa’ibsiisaa biyyaa maddaniifi walrharkaa fuudhinsa dhalootaatiin arganne gabbisuufi falaasama Ida'amuutiin hogganamnee, tokkummaa keenya sab-daneessa cimaa ta'eef bu’uura hin raafamnerra keenyeerra.
Boqonnaa seenaa haaraa marii biyaalessaa seena-qabeessa ta'e eegaluurraa kaanee, misooma kooriidarii nama giddu-galeessa godhatee jireenya lammiilee keenya hundaa jijjiiru, hojiiwwan keenya tola ooltummaa akkasumas Sagantaa Ashaaraa Magariisa qabatamaan hanga hojiirra oolchuutti, hundi keenya yoo waliin dhaabbannu seenessi keenya waloo gara milkaa’ina walootti akka nuceesisan agarsiifneerra.
Nuti kan ijaarru, biyya cimtuu haammattuu taate, diinagdeedhaan of dandeesse, aadaan waloomaafi wal-gargaarsaa itti dagaage qofa osoo hin taane, guddummaan waloofi humni kuufamaa Itoophiyaanota hundaa keessatti mul'atu gochaan mirkaneessaa jirra.
Tokkummaadhaan imala badhaadhinaa keenyaa itti fufna.
Uummata tokko, biyya guddoo Itoophiyaa!